Yuunitii 2ffa: Dandamannaa fii Falmaa – Dandamannaa Aadaa Oromoo fii Sirna Haqaa Kessatti
Yeroo Murtaa’e
-
Kutaa barnootaa lama yookan tokko kessatti
Meeshaalee Barnootaa
-
Green Card Entrepreneur Voices– Barrefamaa yookan Viidiyoo Tashitaa Tufa
-
Dabalee: Hojjii Barattootaf
Connection to the 7 Cs of Ethnic Studies
-
Center: Aadaa Oromoo keessaa wal gargaaruu fi beekumsa Oromoo waa’ee haqaa fi araaraa irratti xiyyeeffachuu.
Qajeelfamoota:
Ignite (Kakaasuu)
-
Gaafii lama kannen barattoota itti gaafadhu. Baratootan afaanii ka fedhaanitti deebii kennu ni danda’an. Suura kaasuullee ni danda’an.
-
Aadaa jechuu maali? Yoo barbaaddan, aadaa kutaa keenya kessa, mana barumsa keenya keessatti, yookan aadaa maatii kee yookan aadaa hawaasa kee yookan aadaa Amerikaa ibsu ni dandeettan.
-
-
Haqaa jechuu maali? Yoo barbaaddan, kutaa keenya kessa, mana barumsa keenya, yookan maatii kee kessa yookan hawaasa kee kessaa walitti bu’iinsa hogga jiruu, yeroo sani haqaa akka sittu fakkatu ibsu ni dandeettan. What do you think justice means? If it helps, you can describe what justice looks like when there is a conflict in our classroom, our school, your family, your community, or our society.
-
Barattoonnii deebii isaani wal haa qoodan
Chunk 1 (Qindeessuu 1)
-
Hiika salphaa aadaa fi haqaa ibsi
-
Barnoota aadaa Oromoo armaan gaditti dhiyesssi
Aadaa Oromoo wal gargaaruu
-
Jiga – Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan.
-
Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.
-
-
Qabo – Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee.
-
Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
-
-
Afoosha – Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa ykn qabeenya waliin wal gargaaruu.
-
Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.
-
Haqaa fii Araara Oromoo
-
Jaarsumaa – Maanguddootaa kabajama hawaasa kessatii yeroo wal bu’iinsa jiru gama lamaan dhaggefachuudhan araara itti ga’uf namoonnii ni gargaara
-
Xiyyeeffannaan isaa walitti dhufeenya cimsuu irratti, malee eenyu akka balleesse irratti miti
-
Gumaa – Yeroo namni tokko yookaan maatiin isaa miidhaa geessisan irratti itti gaafatamummaa fudhatanii, waan sana sirreessuuf deeggarsa yookaan beenyaa kennani
-
Xiyyeeffannaan isaa miidhaa sirreessuu irratti malee adabuu irratti miti.
-
Araara Walitti bu’iinsa booda kara dhiifama gaafachuu fi dhiifama gochuutiin namoota wal fiduu
-
Xiyyeeffannaan isaa nagaa fi fayyina argachuu
Chunk 2 (Qindeessuu 2)
Aadaa fii haqaa Amerikaa fii Aadaa fii haqaa Oromoo wal bira qabi.
-
T-chartii itti garsisii (Dabalee 1 ilaali)
-
Haalaa tokko walitti bu’iinsa barata lama jiddu yaadi. Miidhaa maal uumame? Haqaan maal fakkata? Hooggannaa mana barnoota rakkoo kana akkamitti hiika?
-
Deebiin eegamu eenyu akka rakkoo jalqabe fi adabbiin maal akka ta’u irratti xiyyeeffata
-
-
Sirnaa haqaa Oromoodhan, walitti bu’iinsa kana akkamitti hiika?
-
Jaarsumaa: Maanguddota kabajamaa walitti bu’iinsa kana ni furaan, gama lamaati dhaggeefachuudhan. Akkasumas, barata lameeni wal haasa’an.
-
Barattoota gaafii kana itti gaafadhu: Gaafii maal gaafattan? Gama lameeni akka wal dhaga’an fii akka wal hubataan akkamitti goota?
-
-
Gumaa: Miidhan tarkaanfii gaariitin ni sirreefamaa.
-
Barattoota gaafii kana itti gaafadhu: Deggarsaa barata lameeni maal barbaadan? Walitti dhufeenyi isaanitti akkamitti deebian? Tokkoo tokkoon isaani walitti bu’iinsa kanaaf akkamitti itti gaafatamummaa fudhatan?
-
-
Araara: Walitti bu’iinsa kana xumurudhan, hawaasni walitti deebi’an
-
Kana gaafachuu ni dandeetta: Walitti bu’iinsa isaani booda nagaan maal fakkaata? Barattoonni kutaa keessaa yeroo barattoonni lamaan araaraan deebi’an, miira isaani maal fakkaata?
-
-
Chew (Xiinxaluu)
-
Seenaa Tashitaa Tufaa ilaaluu yookan dubbisuu ni dandettan. Yoo dubbistan, barruu keessatti bakka barbaachisaa mallatteessi gaafii armaan gadittif:
-
Barata waliin, gaafii armaan gaaditti kana barattonnii haa deebiian:
-
Tashitaa waa’ee aadaa Oromoo maal kaase?
-
Wal dhabbiinn yookan walitti bu’iinsa maal kaase?
-
Osoo Afaan Ingilizii barachaa jiru, hojii adda adda hojjechuu fii daldala isa eegaluu, guddina aadaa Oromo kessa isaatii fayyadamuu akkamitti cichee?
-
-
Barattoonii hogga wal qoodu fixan, kana isaani wajjin qoodi: Seenaa Tashitaa mata duree kana walitti dhufeenya ni qaba, sababiin isaa inni godaanaa Oromoodha. Bara 1992 irra Miiniisoota kessaa galuu ture. Inni nama jabaatee hojjetuu fii hawasaa isa gargaaruudha. Aadaa Oromoo kessaa wal gargaaruun waan barbaachisaa ta’e hojii isaa kessattii ni argama. Ummata Oromoon, akkuma Tashitaati aadaa isaani kabajaadhan, duudhaatiin fii hawaasummaadhan ni agarsiisan.
-
Gareewwan xixiqqoo keessatti yookan hiriyaa wajjin, mata dureewwan kana kessaa tokko filachuun Tashitaaf haqaan maal fakkachuu danda’u irrati mari’adhaa. Sirna haqaa Oromoo silaa fayyadamee ta’e, muuxannoon Tashitaa akkamitti adda ta’a? Waraqaa “Why is Oromo Culture Important?” (Dabalee 2) fii gaafiiwwan armaan gadittii itti fayyadamii.
-
Barattoonnii waraqaa irra yookan karaa dijitaalaatiin qopheessuu ni danda’an. Muuxannoon Tashitaa akkamitti adda ta’uu agarsiisuu qaban.
Filannoo mata dureewwanii (tokko filadhuu) fii gaaffiiwwan:
-
Mata Duree 1: Mootummaa wajjin walii galuu dhabu
-
-
Walii galuu dhabu yookan miidhaan maali ture?
-
Jaarsummaa fi Gumaan maal fakkaachuu danda’u?
-
Araarrii maal fakkachuu danda’u?
-
-
Mata Duree 2: Afaan Ingilizii Barachuu
-
-
Gufuuwwaan Tashitaa maltu mudate?
-
Namoonnii fi hawaasni Afaan Ingilizii akka baratu akkamitti isa gargaaruu danda’an?
-
Haala kana keessatti, Jiga, Qaboo fi Afooshaan Tashitaaf maal fakkachuu danda’a?
-
-
Mata Duree 3: Hawaasa Haaraa Kessatti Makamuu
-
-
Hawaasni hojii argachuu fi mana argachuu keessatti Tashitaa akkamitti gargaaruu danda’an?
-
Deggarsi kami yeroo ce’umsa Tashitaa keessatti isa gargaaru danda’a?
-
Haala kana keessatti Jiga, Qaboo fii Afooshaan Tashitaaf maal fakkachuu danda’a?
-
Irra Deebi’u
-
Barattoonnii gaafii armaan gaaditti walitti haasa’udhan ha deebiian:
-
Amma haqaa jechuu anaaf maal jeechudha? Qaamolee aadaa Oromoo fii sirna haqaa kutaa barnootaa keenya, mana barumsaa keenya, fii hawaasa keenya kessattii akkamitti fayyadamuu dandeenya?
-
Maatii koo yookan hawaasni aadaa koo haqaa akkamitti hiiku fi wal gargaaruu danda’a? Kun aadaa Oromoo wajjin wal fakkaataa moo addadha?
Deeggarsa Afaanii
-
Mul’ata kennu (see slides/attachments).
-
Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
-
Viidiyoof barreefama kennu
-
Barrefamaa Tashitaa afaan baratootattin keenuu yoo barbaachisee
Jechootaa fi Hiika Isaanii
-
Aadaa: Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.
-
Dandamannaa: Yeroo rakkoon dhufu illee dandamatee itti fufuu fi abdii kutachuu dhiisu.
-
Guuza/Jiga (JEE-guh): Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan. Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.
-
Qabo (KAH-boh): Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
-
Afoosha (ah-FOO-shah) Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu. Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.
-
Jaarsumaa (jar-SOOM-mah): Maanguddootaa kabajamaa hawaasa kessatii yeroo wal bu’iinsa jiru gama lamaan dhaggefachuudhan araara itti ga’uf namoonnii ni gargaara. Xiyyeeffannaan isaa walitti dhufeenya cimsuu irratti, malee eenyu akka balleesse irratti miti
-
Gumaa (GOO-mah): Yeroo namni tokko yookaan maatiin isaa miidhaa geessisan irratti itti gaafatamummaa fudhatanii, waan sana sirreessuuf deeggarsa yookaan beenyaa kennani. Xiyyeeffannaan isaa miidhaa sirreessuu irratti malee adabuu irratti miti.
-
Araara (ah-RAH-rah): Walitti bu’iinsa booda kara dhiifama gaafachuu fi dhiifama gochuutiin namoota wal fiduu. Xiyyeeffannaan isaa nagaa fi fayyina argachuu
-
Wa’ee qabsoo Oromoo
-
Human Rights in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora www.theadvocatesforhumanrights.org/Res/oromo_report_2009_color_2%202.pdf
-
“Ethiopia” (Global Centre for the Responsibility to Protect) www.globalr2p.org/countries/ethiopia
-
-
Wa’ee Sirna Gadaa biyya Itophiiyaa keessatti
-
“Building peace by peaceful approach. The Role of Oromo Gadaa system in peace-building” https://doi.org/10.1080/23311886.2021.2023254
-
-
Liberated Ethnic Studies Model Curriculum Values and Principles (7 Cs) https://drive.google.com/file/d/1cGOs7rsY9wT2qI-yIQh5dye8snRjGYxr/view
Dabalee 1: T-Chartii – Adabbii Mana Barumsaa Biyyoota Dhihaa fii Sirna Haqaa Oromoo
|
Yoo Mana Barumsaati Walitti Bu’iinsi Jiraate . . . (Mala Adabbii Mana Barumsaa Biyyota Dhihaati) |
Yoo Mana Barumsaati Walitti Bu’iinsi Jiraate . . . (Mala Sirna Haqaa Oromoo) |
|
Xiyyeeffannaan isaa eenyu akka walitti bu’iinsa jalqabe irrattidha |
Xiyyeeffannaan isaa miidhaan maali akka ta’ef irratidha |
|
Barattoonni dhuunfaatti komatanii |
Barattoonni lamaan isaanii ni dhaggeeffataman. |
|
Barattoonni gara hoogganaatti ergan |
Barattoonii maanguddota kabajamaa yookan nama amaanama walitti fidamaa, araara buusuf. |
|
Barattonni adabamu (yeroo muraasaaf mana barumsaa irra ari’amuu) |
Barattoonni miidhaa sirreessuuf hojjetan (Gumaa). |
|
Barattoota gidduutti mariin xiqqaa jira. |
Barattoonni wal dhaggeeffatanii yaada isaanii wal qoodan. |
|
Walitti bu’iinsi yeroo baay’ee adabbiidhaan xumurama. |
Walitti bu’iinsi nagaa fi araaraan xumurama (Araara). |
|
Maatiin hirmaachuu yookaan hirmaachuu dhiisuu ni danda’ama |
Hawaasni (maatii, hiriyyoonni, fi ga’eessonni) ni hirmaatan |
|
Xiyyeeffannaan isaa seerri cabuu irrattidha. |
Xiyyeeffannaan isaa walitti dhufeenya deebisanii ijaaruu irrattidha. |
Dabalee 2: Aadaa Oromoo Maalif Barbaachisoo Ta’e? (Hojii Barattootaf)
Aadaan Maali?
Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Namoota hunda fi gareen namoota hunda aadaa ofii isaani ni qaban. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.
Aadaa nama uffata isaani, wal gargaaruu isaanii, cidha akkatti kabajan fii gadda fii gamachuu isaanii kessaa argamaa. Akka walii galaattii, aadaan akkaataa namoonnii itti jiraatanii fii akkaataa wal gargaaranidha. Aadaan eenyummaa isaanii fii jireenya isaanii ni agarsiisa.
Aadaa Oromoon Maali?
Ummannii Oromoo, akkuma ummata biraa hunda, aadaa isanii adda kan jireenya isaaniif guyyaa guyyaa barbaachisaa ta’e qabanii. Aadaan kun akkaataa isaanii, yaada isaani fii wal qunnammuu isanii dhiibbaa ni qaba. Aadaan Oromoo duudhaa fi goochaalee aadaa hedduu of kessaa qaba. Isaan kessaa ayyaanoota, sirna gaa’ilaa, wal gargaaru fii karaa rakkoo itti furan. Duudhaaleen aadaa kana akkaataa jireenyaa namoonni fii hawaasa isaani irrati ni qajeelfama.
Aadaa Oromoo Wal Gargaaruu
Wal gargaaruu aadaa Oromoo kessatti heddu barbaachisadha. Namoonni yeroo rakko kessatti wal ni gargaarani, wal ni dhabbatanii. Deggarsa kun jireenyaa guyyaa guyyaa kessatti haala adda addattin mul’atu ni danda’ama.
Karaan tokkoo Jigadhaa: Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan.
Karaa biraatii Qabodhaa: Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
Karaa 3ffatti Afooshadhaa: Sirna kan namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa ykn qabeenya waliin wal gargaaruu. Deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa ni kennama, akka namnii kophaa isaati hin rakkanneef.
Sirna Araaraa Oromoo
Aadaa Oromoo keessatti walitti bu’iinsa hiikuuf sirnoonni ni jira. Sirnoonni kun wal dhabbii xixiqqoo irraa kaasee hanga rakkoo guddaatti hiikuuf ni gargaara. Isaan dhalootaa gara dhalootaatti darbanii dhufan. Nagaa fi tokkummaa hawaasaa eeguufis baay’ee barbaachisaadha.
Mukaa Odaa (Mallattoo Tokkummaa fi Nagaa)
Odaan aadaa fii seenaa Oromoo keessatti bakka gudda qaba. Inni mallattoo tokkumma fi nagaati. Abbootii Gadaa Odaa jalatti murtii murteessuf, rakkoo hiikuf, fi naga eeguuf walitti dhufanii. Odaan bakka hawaasni walitti dhufee mari’achuuf fii araaraa buusuudhaf.
Haqaa Oromoo fii Sirnoota Araaraa
Uummanni Oromoo walitti bu’iinsa hiikuu fi nagaa deebisuuf sirnoota adda addaa qaba. Isaan keessaa Jaarsummaa, Gumaa, fi Araarri ni jira. Sirnoonni kun namoota wal hubachiisuu, itti gaafatamummaa fudhachiisuu, fi walitti dhufeenya fooyyessuu irratti xiyyeeffata.
Jaarsummaa: Yeroo maanguddota kabajamaa walitti bu’iinsa hiikanidha. Isaan gama lamaan ni dhaggeeffatan, namoonni nagaan akka walitti deebi’an ni gargaara.
Gumaa: Yeroo namni tokko yookaan maatiin isaa miidhaa geessisan irratti itti gaafatamummaa fudhatanii, waan sana sirreessuuf deeggarsa yookaan beenyaa kennani. Xiyyeeffannaan isaa miidhaa sirreessuu irratti malee adabuu irratti miti.
Araara: Yeroo nagaan deebi’u ta’a. Namoonni dhiifama gaafatan, wal dhiifamu, fi nagaan waliin itti fufu
Aadaa Oromoo keessatti walitti bu’iinsi qaama jireenyaati. Haqaan namoota adabuu irratti osoo hin taane miidhaa sirreessuu fi walitti dhufeenya deebisanii ijaaruu irratti xiyyeeffata.
Xumura Aadaa Oromoo
Aadaa Oromoon jireenya ummata Oromoof baa’yee barbaachisadha. Aadaan Oromoo wal gargaaruu fii itti gaafatamummaa irrati ijaarame. Namoonnii aadaa Oromoo keessatti jireenya guutuu isaanif wal gargaaran.
Aadaa Oromoo kessatti, namni kophaa isaanitin hin rakkatan. Hawaasni wal garaaruf ni jira. Hawaasummaa kana hawaasni ni jabeefama, akkasumas tokkummaa ni agarsiifama.
Yuunitii 3: Fayyinaa fi Fuuldura Ijaaruu – Sirna Gadaa
Yeroo Murta’e
- Kutaa barnootaa lama kessatti
Meeshaalee Barnootaa
- Green Card Voices – Viidiyo Mikyas Woldemichael
- Dabalee: Hojii Barattootaf
- Oromo Lesson Slides
Connections to the 7 Cs of Ethnic Studies
- Center: Sirna Gadaatiin beekumsa hawaasa Oromoo, jaarsolii, maatii, fi muuxannoo jireenyaa irratti xiyyeeffachuu.
- Conceptualize: Dargaggoota Oromoo fi Itoophiyaa keessattif abdii, fayyinaa, fuuldura, fi carraalee irratti yaadu
Qajeelfamoota:
Guyyaa 1ffa Gaafii Jalqabaa:
- Nama akka geggeessaatti kabajdu tokko yaadi. Maaltu isaan geggeessaa gaarii taasisa? Himaa lama yookan sadii barreesii, yookan suura kaasi.
Ignite (Kakaasuu)
- Barattoonni walitti haa’saaudhan, gaafii armaan gaditti kana haa deebisan:
- Galmaa yookaan abdii fuulduraf maal qabda?
Chunk 1 (Qindeessuu 1)
- Barreefamaa “What Is the Gadaa System?” barattootatti garsisii (see attachment/appendix 1).
- Barattoonnii sadarkaa Sirna Gadaa kudhanii fakkii yaada qindeessu irra haa guutan. (see attachment/appendix 2).
Chunk 2 (Qindeessuu 2)
- Baratoonni Vidiyoo Mikyas Woldemichael haa laalan.
Gaafii Xumuraa
- Sadarkaa Sirna Gadaa ilaalaa. Sadarkaa kam kessaa jirta? Maqaa sadarkaa sun barresii, itti gaafatamummaa isa tokkoo barresii.
– Sadarkaa ___ kessan jira. Itti gaafatamummaa tokkoo sadarkaa kanarra ____.
Guyyaa 2ffa Gaafii Jalqabaa:
- Waa’ee seenaa Mikyas itti yaadaa. Kuubbaa miilaa fayyuu isa fii fuuldura ijaaruu akkamii isa gargaaree? Himaa tokkoo yookan lama waliin waan yaadattan viidiyoo irra barressaa.
Chew (Xiinxaluu)
- Viidiyoo ilaaluu booda, barattonnii gaafii armaan gaditti haa deebisan:
- Mikyas umrii isa sodomii lama ta’e. Gadaa kessaa sadarkaa kami jira? Geggeessumma akkami garsiisee?.
- Mikyasif kuubbaa miila taphachuu waan barbaachisaa isaaf ture? Kuubaa miilaa faayyinaa fii carraa fuuldura hawaasa isaatif akkamiitti kennee?
- Sadarkaa 5, Raaba Doorii (umrii 32 irra – 40tti) yeroo itti ga’u keessanii, geggeessaa akkam ta’u barbaaddan?
Irra Deebi’u
- Barattoonnii gaafii armaan gaditti wal haa qoodan:
- Ijoollee akka umrii keeti Sirna Gadaa kessatti sadarkaa kam jiran?
- Umrii kanattii itti gaafatamummaa maal fakkata?
- Waan kun aadaa kee kessatti akkam tokkoo yookan adda ta’e?
Gaafii Xumuraa
- Sirna Gadaa irraa waan tokkoo waanan baradhe ___. Kun jireenya koo wajjin wal hidhamiinsa qaba, sababnii isaas___.
Deeggarsa Afaanii
- Mul’ata kennu (see slides/attachments).
- Meeshaalee yaada qindeessan kennuu
- Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
Jechootaa fii Hiikaa Isaanii
- Gadaa system: Sirna siyaasa fii mootummaa ummata Oromoof.
- Abba Gadaa: Geggeessaa filatame Sirna Gadaa kessaatti.
- Qondaala: Sadarkaa 4ffa Sirna Gadaa kessatti, umrii diigdamii afuur irra hanga sodomii lamatti. Dargaggonni kun tiksitoota hawaasaa ta’u. Isaani loluu, ispoortii fi daakuu ni leenjisan.
- Abba Duula: Ajajaa waraanaa Sirna Gadaa keessatti.
Tarree Maddalee Barnootaa
-
- Dirrib Damisse, 2007 Sirna Gadaa
- The Oromo and the Christian Kingdom of Ethiopia, 1300–1700 by Mohammed Hassen
- Partisan Discourse and Authentic History by Tabor Wami
- Liberated Ethnic Studies Model Curriculum Values and Principles (7 Cs) https://drive.google.com/file/d/1cGOs7rsY9wT2qI-yIQh5dye8snRjGYxr/view
Dabalee 1: Sirna Gadaan Maali? (Hojii Barattootaf)
Sirna Gadaan Maali?
Sirna Gadaa akkuma gaaddisaati. Ummata Oromoo bakka hundatti ni hordofa. Namoonni umrii isaanii irratti hundaa’uun hojjii ni qaban. Sirna Gadaa addunyaa irrati beekamaadha. UNESCO’nis Sirna Gadaa akka qabeenya Addunyaa ta’e eegumsaa jiran.
Geggeessaa Shanan (Mootummaa)
Sirna Gadaa gareewwan garaagaraatiin qoodama. Gareen hundi geggeessaa qaba. Geggeessaan sun hojii addaa qaban.
- Abbaa Gadaa: Geggeessaa olaanaa biyya guutuu bulchu
- Abbaa Duulaa: Ajajaa waraanaa Sirna Gadaa keessatti.
- Abbaa Sa’aa: Qabeenya uumamaa akka buna fii qonnaa irrati hojji hojjetu.
- Abbaa Caffe: geggeessaa seera baasuu keessatti hojji hojjetu.
- Abbaa Seeraa: geggeesaa haqa fi seerati. Namoonni hunda seera akka kabajan ni ilaalaa.
Sadarkaa Kudhan Sirna Gadaa Keessatti
Sadarkaa 1: Dabballee (Umrii 0–8)
Ijoolleen umrii kanatti akka qulqulluu ta’an fii dilii hin qabnee ilaalamu. Hojjiin isaanii taphaan, mammaaksan fii hibboon waa’ee maatii isaani fii uumamaa barachuuf.
Sadarkaa 2: Ittimakoo (Umrii 8–16)
Sadarkaa kanattin ijoolleen taphoota, sirboota fii shubbisaa aadaa ni baratan. Akkasumas seenaa maatii isaanii fi lakkaawwuu ni baratan. Amala gaarii ijaaruu, gaarummaa fi obsa qabachuulee ni baratan.
Sadarkaa 3: Fools / Great Gaammee (Umrii 16–24)
Kana sadarkaa akkumaa koollejjii yaadaa. Dargaggoonii umrii kanatti hojjii qonnaa, fardaa yaabbachuu fii horii tiiksu ni baratan. Akkasumas dandeettii lolaa ni leenjisan. Sirbootadhan aadaa isaanilee ni kabajan.
Sadarkaa 4: Qondaala (Umrii 24–32)
Kun sadarkaa eegumsaati. Dargarggonni ispoortii, daakuu, fii loluu ni leenjisan. Hojjii irra gudda isaanii ummata Oromoo fii qabenyaa isanii tiiksudha.
Sadarkaa 5: Raaba Doorii (Umrii 32–40)
Kun sadarkaa namoonni geggeessummaaf itti qopha’anidha. Wa’ee seeraa, seenaa fii mootummaa geggeessuu ni baratan. Akkasumas itti gaafatamummaa fuudhuu fii maatii ijaaruu ni fudhatan, akka biyyaa geggeessuuf qophaa’an agarsiisuuf.
Sadarkaa 6: Gadaa / Abbaa Gadaa (Umrii 40–48)
Kun sadarkaa mootummaa geggeessuuti. Namoonnii waggoota hedduu leenjii booda geggeessummaaf filatamu. Abba Gadaan geggeessa olaanaadha. Isaani waggaa saddeetiif ummata isaanii bulchan.
Sadarkaa 7: Yuuba tokkoffaa (Umrii 48–56)
Waggaa sadeetii geggeessaa ta’anii booda, namoonni gorsitoota ta’an. Nama kabajamaa tokko Abba Bokkuu ta’ee filatamu. Inni filannoo sirrii akka ta’u ilaala, akkasumas ummata Oromoof waliigala guddaatti deema (akkuma waliigala Afrikaan Yuuniyoon).
Sadarkaa 8 and 9: Yuuba lamaffaa fii saddaffaa (Umrii 56–72)
Sadarkaalee kana keessatti, maanguddoota Hayyuu jedhanii waamani. Hojjiin isaanii dargaggoota aadaa Oromoo fii mootummaa barsiisuudha. Akkasumas yeroo wal mormuu kessaa, araara ni baasan.
Sadarkaa 10: Yuuba afraaffaa / Gadaamojjii (Umrii 72–80)
Maanguddoota kun hayyota hawaasati. Beekumsa guddaa qaban, namoonni hedduunis isaani ni kabajan. Yeroo isaani barsiisuu, kadhachuu fii ummata isaanii gargaaruu wajjin dabarsanii.
Xumuraa
-
Humna Saddeetii: Sadarkaan hundi waggaa saddeetii turti.
-
Ce’umsa Dimokiraasii: Aangoon yeroo hundaa garee itti aanuuf darbama; namni tokko yeroo hunda aango waliin hin turuu.
-
Kabaja Umriif: Gareen umrii hundi hojii addaa qaba. Hojiin isaani hawaasa guutuu ni gargaara.
Dabalee 2: Sadarkaa Kudhanii Sirna Gadaa
Waraqaa hojii kana keessatti sadarkaa kudhanii sirna Gadaa guutaa
|
Sadarkaa |
Umrii |
Maqaa isa |
Itti gaafatamumma sadarkaa kana keessaa jiru suura kaasaa. |
|
1 |
|
||
|
2 |
|
||
|
3 |
|
||
|
4 |
|||
|
5 |
|
||
|
6 |
|
||
|
7 |
|
||
|
8–9 |
|
||
|
10 |
|
Yuunitii 2ffa: Dandamannaa fii Falmaa – Dandamannaa Aadaa Oromoo Kessatti
Yeroo Murtaa’e
- Kutaa barnootaa lama kessatti
Meeshaalee Barnootaa
- Green Card Entrepreneur Voices – Vidiyoo Tashitaa Tufaa
- Dabalee: Hojjii Barattootaf
- Isilaayidota Barnoota Oromoo
Connection to the 7 Cs of Ethnic Studies
- Center: Aadaa Oromoo keessaa wal gargaaruu irratti xiyyeeffachuun
Qajeelfamoota:
Guyyaa 1ffa Gaafii Jalqabaa:
- Yeroo namni tokko oso ati hin gaafanne si gargaaree yaadi. Maal si godhe? Himaa lama yookan sadii barreesii yookan suura kaasi.
Ignite (Kakaasuu)
- Gaafii lama kannen barattoota itti gaafadhu. Baratootan afaanii ka fedhaanitti deebii kennu ni danda’an. Suura kaasulee ni danda’an.
- Aadaa jechuu maali? Yoo barbaaddan, aadaa kutaa keenya kessa, mana barumsa keenya, yookan aadaa maatii kee yookan aadaa hawaasa kee yookan aadaa Amerikaa ibsu ni dandeettan.
- Dandamannaa jechuu maali?
- Barattoonnii deebii isaani wal haa qoodan
Chunk 1 (Qindeessuu 1)
- Barattootaf haala salphaatiin hiika aadaa fii dandamannaa itti kenni
- Barnoota aadaa Oromoo armaan gaditti dhiheessii
Aadaa Oromoo wal gargaaruu
- Jiga – Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan.
- Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.
- Qabo – Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee.
- Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
- Afoosha – Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu.
- Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.
Chunk 2 (Qindeessuu 2)
- Fakkeenyaa barata ka Itophiiya irra dhufee gara Amerikaattii kenni. Gaafii armaan gaditti gaafadhu:
- Barata kun kuta, hiriiyaa, yeroo taphaa fii yeroo laaqana akkamitti isaaf jabaata? (Deebiiwwan eegaman: rakkoo afaanii, kutaa yookan laaqana yookan boqoonaa akkatti deeman beekuu dhabuu, fii hiriiya arkachuu dhabuu.)
- Mana barumsaa keenya beekudhan, barattoota barata haaraa kun akkamitti isa simaatan? Barsiisaan fii mana barumsa isa akkam gargaaran?
- Aadaa Oromoo irra waan baraannee, deebii keenya aadaa sanaa wajjin tokko ta’aa, moo adda ta’a?
- Jiga: Barata haaraa kun kutaalee itti dhaquu, afaan Ingliifaa barachuu, fii maddaalee hawaasa maatii isaatif argachuu waliin eenyuu isa gargaara?
- Qabo: Mana barumsaa keenya barata kana yeroo ce’umsa isa kessaa isa gargaaru danda’a?
- Afoosha: Mana barumsaa keenya barata kun fii maatii isaaf ce’umsa biyya haaraa keessatti galuu akkamitti isa gargaara?
Gaafii Xumuraa
- Waa’ee Aadaa Oromoo waan baraannee har’a tokko irra (Jiga, Qabo, yookan Afoosha) armaan gaditti ibsi jechoota ofii keeti waliin.
Guyyaa 2ffa Gaafii Jalqabaa:
- Seenaa Tashitaa itti yaadaa. Qormaataa tokkoo Ameerikaatti dhufuu isa irra ibsi. Aadaa Jiga, Qabo yookan Afooshaa akka isa gargaaru danda’ama himaa tokko yookan lama waliin ibsi.
Chew (Xinxaluu)
- Vidiyoo kana ilaalaa: Seena Tashitaa Tufaa
- Barattoonni gaafii lamaan kana haa mari’ataan
- Tashitaa waa’ee aadaa Oromoo maal kaase?
- Osoo Afaan Ingilizii barachaa jiru, hojii adda adda hojjechuu fii daldala isa eegaluu, guddina aadaa Oromo kessa isaatii fayyadamuu akkamitti cichee?
- Gareewwan xixiqqoo kessatti yookan barataa tokkoo waliin, yoo sirna aadaa Oromoo yeroo inni Ameerikaatti ga’e giddu galeessa ta’ee jiratee, deeggarsa hawaasa isaaf maal akka fakkatu waraqaa hojjii kessa barreessaa. Yoo barbaachisaa ta’e, barreefama kun ilaali, “Why Is Oromo Culture Important?” (attachment/appendix 1).
Irra Deebi’u
- Barattoota aadaa Oromoo isaanif maal akka ta’e gabaabsanii haa ibsan. Qaamolee aada Oromoo sirna haqa, mana barumsaa fii hawaasa kessaa akkamitti fayyadamna?.
- Baratoonnii maatii isaani akka aadaa Oromoo waliin tokkoo ta’e yookan hin taanee waa’ee itti gaafatamummmaa hawaasa isaani gaafadhu.
Gaafii Xumuraa
- Waan aadaa Oromoo irra tokkoo ka hawaasa keetitti yookan mana barumsaa keetitti maal fiduu barbaddaan?
Deeggarsa Afaanii
- Mul’ata kennu (see slides/attachments).
- Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
- Viidiyoof barreefama kennu
- Barrefamaa Tashitaa afaan baratootattin keenuu yoo barbaachisee
Jechootaa fi Hiika Isaanii
- Aadaa: Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.
- Dandamannaa: Yeroo rakkoon dhufu illee dandamatee itti fufuu fi abdii kutachuu dhiisu.
- Guuza/Jiga (JEE-guh): Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan. Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.
- Qabo (KAH-boh): Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
- Afoosha (ah-FOO-shah): Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu. Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.
Tarree Maddalee Barnootaa
- Suuraa Oromoo https://docs.google.com/presentation/d/1K4aniJlR0OMvZZkDZT-LIHKTRxnoBA5Ah09EV0Tb758/edit
- Liberated Ethnic Studies Model Curriculum Values and Principles (7 Cs) https://drive.google.com/file/d/1cGOs7rsY9wT2qI-yIQh5dye8snRjGYxr/view
Dabalee 1: Aadaa Oromo maalif barbaachisa ta’e? (Hojjii Barattootaf)
Aadaan maali?
Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Namoota hunda fi gareen namoota hunda aadaa ofii isaani ni qaban. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.
Aadaa nama uffata isaani, wal gargaaruu isaanii, cidha akkatti kabajan fii gadda fii gamachuu isaanii kessaa argamaa. Akka walii galaattii, aadaan akkaataa namoonnii itti jiraatanii fii akkaataa wal gargaaranidha. Aadaan eenyummaa isaanii fii jireenya isaanii ni agarsiisa.
Aadaa Oromoon Maali?
Ummannii Oromoo, akkuma ummata biraa hunda, aadaa isanii adda kan jireenya isaaniif guyyaa guyyaa barbaachisaa ta’e qabanii. Aadaan kun akkaataa isaanii, yaada isaani fii wal qunnammuu isanii dhiibbaa ni qaba. Aadaan Oromoo duudhaa fi goochaalee aadaa hedduu of kessaa qaba. Isaan kessaa ayyaanoota, sirna gaa’ilaa, wal gargaaru fii karaa rakkoo itti furan. Duudhaaleen aadaa kana akkaataa jireenyaa namoonni fii hawaasa isaani irrati ni qajeelfama.
Aadaa Oromoo Wal Gargaaruu
Wal gargaaruu aadaa Oromoo kessatti heddu barbaachisadha. Namoonni yeroo rakko kessatti wal ni gargaarani, wal ni dhabbatanii. Deggarsa kun jireenyaa guyyaa guyyaa kessatti haala adda addattin mul’atu ni danda’ama.
Karaan tokkoo Jigadhaa: Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan.
Karaa biraatii Qabodhaa: Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
Karaa 3ffatti Afooshadhaa: Sirna kan namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu. Deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa ni kennama, akka namnii kophaa isaati hin rakkanneef.
Xumura Aadaa Oromoo
Aadaa Oromoon jireenya ummata Oromoof baa’yee barbaachisadha. Aadaan Oromoo wal gargaaruu fii itti gaafatamummaa irrati ijaarame. Namoonnii aadaa Oromoo keessatti jireenya guutuu isaanif wal gargaaran.
Dabalee 2: Aadaa Oromoo Fayyadamuu (Hojjii Barattootaf)
Hiriyaa yookaan garee xixiqqoo wajjin hojjedhaa. Gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf isilaayidota barsiisaa fii marii keenya waa’ee Jiga, Qaboo, fi Afooshaa fayyadamaa. Akkasumas waraqaa “Aadaan Oromoo Maaliif Barbaachisa?” ilaaluu ni dandettan.
Kutaa 1ffa: Haala hubachuu
Tashitaa yeroo USA dhufe qormaanni akkamii mudatee?
Kutaa 2ffa: Aadaa Oromoo Fayyadamuu
Hawaasni Jiga, Qabo fii Afoosha fayyadamuudhan akkamitti Tashitaa gargaaruu danda’an?
Kutaa 3ffa: Mallattoo dandamannaa Aadaa Oromoo Kessaa
Hawaasni qaamolee aadaa Oromoo fii dandamannaa fayyadamuudhan Tashitaa akka gargaaranii suuraa kaasaa.
Yunitii 3ffaa: Fayyinaa fii Fuuldura Ijaaruu – Sirna Gadaa Bulchiinsa Oromoo
Yeroo Murta’e
- Kutaa barnootaa tokko yookan lama kessatti
Meeshaalee Barnootaa
- Green Card Voices – Viidiyo Mikyas Woldemichael
- Dabalee: Hojii Barattootaf
- Oromo Lesson Slides
Connections to the 7 Cs of Ethnic Studies
- Center: Sirna Gadaatin beekumsa hawaasa Oromoo, jaarsolii, maatii, fi muuxannoo jireenyaa irratti xiyyeeffachuu.
- Conceptualize: Dargaggoota Oromoo fi Itoophiyaa keessattif abdii, fayyinaa, fuuldura, fi carraalee irratti yaadu
Qajeelfamoota:
Ignite (Kakaasuu)
- Barattoonni walitti haa’saaudhan, gaafii armaan gaditti kana haa deebisan:
- Galmaa yookaan abdii fuulduraf maal qabda?
Chunk 1 (Qindeessuu 1)
- “What Is the Gadaa System?” Baratootatti garsiisii (Dabalee 1 ilaali).
- Barattoonni Venn Diagramii haa guutan (Dabalee 2 ilaali).
Chunk 2 (Qindeessuu 2)
- Baratoonni Vidiyoo Mikyas Woldemichael haa laalan.
Chew (Xiinxaluu)
- Viidiyoo ilaaluu booda, barattonnii gaafii armaan gaditti haa deebisan:
- Mikyas yeroo Ameerikaatti dhufe qormaatawwan maalii isa mudatan?
- Mikyas hawaasa isaatiif deebi’ee gumaachuu akka jalqabu kan isa taasise maal ture?
- Kubbaa miilaa hawaasa Mikyasiif fayyinaa fi carraalee fuulduraa kenne ni yaaddan? Maaliif?
- Mikyas yeroo hawaasa isaatiif deebi’ee gumaachaa ture sadarkaa Sirna Gadaa keessaa kam ture yaaddan? Maalif?
Irra Deebi’u
- Barattoonnii gaafii armaan gaditti wal haa qoodan:
- Ijoollee akka umrii keeti Sirna Gadaa kessatti sadarkaa kam jiran?
- Umrii kanattii itti gaafatamummaa maal fakkata?
- Waan kun aadaa kee kessatti akkam tokkoo yookan adda ta’e?
Deeggarsa Afaanii
- Mul’ata kennu (see slides/attachments).
- Meeshaalee yaada qindeessan kennuu
- Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
Jechootaa fii Hiikaa Isaanii
- Gadaa system: Sirna siyaasa fii mootummaa ummata Oromoof.
- Abba Gadaa: Geggeessaa filatame Sirna Gadaa kessaatti.
- Qondaala: Sadarkaa 4ffa Sirna Gadaa kessatti, umrii diigdamii afuur irra hanga sodomii lamatti. Dargaggonni kun tiksitoota hawaasaa ta’u. Isaani loluu, ispoortii fi daakuu ni leenjisan.
- Abba Duula: Ajajaa waraanaa Sirna Gadaa keessatti.
Tarree Maddalee Barnootaa
-
- Dirrib Damisse, 2007 Sirna Gadaa
- The Oromo and the Christian Kingdom of Ethiopia, 1300–1700 by Mohammed Hassen
- Partisan Discourse and Authentic History by Tabor Wami
- Liberated Ethnic Studies Model Curriculum Values and Principles (7 Cs) https://drive.google.com/file/d/1cGOs7rsY9wT2qI-yIQh5dye8snRjGYxr/view
Dabalee 1: Sirna Gadaan Maali? (Hojii Barattootaf)
Sirna Gadaan Maali?
Sirna Gadaa akkuma gaaddisaati. Ummata Oromoo bakka hundatti ni hordofa. Namoonni umrii isaanii irratti hundaa’uun hojjii ni qaban. Sirna Gadaa addunyaa irrati beekamaadha. UNESCO’nis Sirna Gadaa akka qabeenya Addunyaa ta’e eegumsaa jiran.
Geggeessaa Shanan (Mootummaa)
Sirna Gadaa gareewwan garaagaraatiin qoodama. Gareen hundi geggeessaa qaba. Geggeessaan sun hojii addaa qaban.
- Abbaa Gadaa: Geggeessaa olaanaa biyya guutuu bulchu
- Abbaa Duulaa: Ajajaa waraanaa Sirna Gadaa keessatti.
- Abbaa Sa’aa: Qabeenya uumamaa akka buna fii qonnaa irrati hojji hojjetu.
- Abbaa Caffe: geggeessaa seera baasuu keessatti hojji hojjetu.
- Abbaa Seeraa: geggeesaa haqa fi seerati. Namoonni hunda seera akka kabajan ni ilaalaa.
Sadarkaa Kudhan Sirna Gadaa Keessatti
Sadarkaa 1: Dabballee (Umrii 0–8)
Ijoolleen umrii kanatti akka qulqulluu ta’an fii dilii hin qabnee ilaalamu. Hojjiin isaanii taphaan, mammaaksan fii hibboon waa’ee maatii isaani fii uumamaa barachuuf.
Sadarkaa 2: Ittimakoo (Umrii 8–16)
Sadarkaa kanattin ijoolleen taphoota, sirboota fii shubbisaa aadaa ni baratan. Akkasumas seenaa maatii isaanii fi lakkaawwuu ni baratan. Amala gaarii ijaaruu, gaarummaa fi obsa qabachuulee ni baratan.
Sadarkaa 3: Fools / Great Gaammee (Umrii 16–24)
Kana sadarkaa akkumaa koollejjii yaadaa. Dargaggoonii umrii kanatti hojjii qonnaa, fardaa yaabbachuu fii horii tiiksu ni baratan. Akkasumas dandeettii lolaa ni leenjisan. Sirbootadhan aadaa isaanilee ni kabajan.
Sadarkaa 4: Qondaala (Umrii 24–32)
Kun sadarkaa eegumsaati. Dargarggonni ispoortii, daakuu, fii loluu ni leenjisan. Hojjii irra gudda isaanii ummata Oromoo fii qabenyaa isanii tiiksudha.
Sadarkaa 5: Raaba Doorii (Umrii 32–40)
Kun sadarkaa namoonni geggeessummaaf itti qopha’anidha. Wa’ee seeraa, seenaa fii mootummaa geggeessuu ni baratan. Akkasumas itti gaafatamummaa fuudhuu fii maatii ijaaruu ni fudhatan, akka biyyaa geggeessuuf qophaa’an agarsiisuuf.
Sadarkaa 6: Gadaa / Abbaa Gadaa (Umrii 40–48)
Kun sadarkaa mootummaa geggeessuuti. Namoonnii waggoota hedduu leenjii booda geggeessummaaf filatamu. Abba Gadaan geggeessa olaanaadha. Isaani waggaa saddeetiif ummata isaanii bulchan.
Sadarkaa 7: Yuuba tokkoffaa (Umrii 48–56)
Waggaa sadeetii geggeessaa ta’anii booda, namoonni gorsitoota ta’an. Nama kabajamaa tokko Abba Bokkuu ta’ee filatamu. Inni filannoo sirrii akka ta’u ilaala, akkasumas ummata Oromoof waliigala guddaatti deema (akkuma waliigala Afrikaan Yuuniyoon).
Sadarkaa 8 and 9: Yuuba lamaffaa fii saddaffaa (Umrii 56–72)
Sadarkaalee kana keessatti, maanguddoota Hayyuu jedhanii waamani. Hojjiin isaanii dargaggoota aadaa Oromoo fii mootummaa barsiisuudha. Akkasumas yeroo wal mormuu kessaa, araara ni baasan.
Sadarkaa 10: Yuuba afraaffaa / Gadaamojjii (Umrii 72–80)
Maanguddoota kun hayyota hawaasati. Beekumsa guddaa qaban, namoonni hedduunis isaani ni kabajan. Yeroo isaani barsiisuu, kadhachuu fii ummata isaanii gargaaruu wajjin dabarsanii.
Xumuraa
-
Humna Saddeetii: Sadarkaan hundi waggaa saddeetii turti.
-
Ce’umsa Dimokiraasii: Aangoon yeroo hundaa garee itti aanuuf darbama; namni tokko yeroo hunda aango waliin hin turuu.
-
Kabaja Umriif: Gareen umrii hundi hojii addaa qaba. Hojiin isaani hawaasa guutuu ni gargaara.
Dabalee 2: Sirna Gadaa Wal bira Qabi fi Garaagarummaa Isaa Adda Baasi (Hojii Barattootaf)
Sirna Gadaa aadaa kee yookaan maatii kee wajjin maal akka wal fakkaatu fi maal akka adda ta’e irratti waraqaa hojii armaan gadiitti guuti. Fakkenyaa Sadarkaa Kudhan Sirna Gadaa irra itti fayyadami.
Sirna Gadaa fi Aadaa Koo yookaan Maatii Koo: Waan Wal Fakkaatan fi Waan Adda Ta’an

Yuunitii 1ffa: Afaanii fii eenyuumma – Hiddaa Oromoo
Yeroo Murtaa’e
- Kutaa barnootaa lama kessatti
Meeshaalee Barnootaa
- Green Card Youth Voices: Immigration Stories from a Minneapolis High School – Ikrem Nuru Viidiyoo
- Dabalee: Hojjii Barattootaf
- Suuraa Oromoo (as ilaalii)
Connections to the 7 Cs of Ethnic Studies
- Cultivate: Seenaa, uummata, fi Afaan Oromoo barachuun eenyummaa fi fayyina cimsuu.
- Center: Dargaggoota Oromoo fi muuxannoo isaanii akka godaantoota haaraa irratti xiyyeeffachuu.
Qajeelfamoota:
Ignite (Kakaasuu)
- Barattoonni walitti haa’saaudhan KWL chartii haa guutan, gaafi kana deebisuudhan:
- Waa’ee ummata Oromoo fii Afaan Oromoo maal beekaa turtan?
Chunk 1 (Qindeessuu 1)
- Barreeffama “Ummataa Oromoo, Aadaa Oromoo fii Afaan Oromoo” (Dabalee 2 ilaali) barattoota waliin irra deemi, seenaa Oromoo, aada Oromoo fii Afaan Oromoo galuu isaanif.
- Tarsiimoo Dubbisaa 5-4-3-2-1 itti fayyadami (Dabalee 3 ilaali), hojii kun barattootaf jechoota barbaachisoo shan hiika isaanii wajjin, dhugaawwan afur, jechoota haaraa sadii, walitti dhufeenya lama, fi gaaffii tokko argachuu.
Chunk 2 (Qindeessuu 2)
- Barattoonni vidiyoo kana ni laalan: Viidiyoo Ikrem Nuru.
- Barattoonni viidiyoo laaluu booda, taateewwan viidiyoo keessatti argan fii dhaga’an yeroo isaani qindeessanii tartiibaatiin haa barressan.. Kaardii taateewwanii wal makamee barattootaaf kennuu ni danda’ama.
Chew (Xiinxaluu)
- Barattoonnii garee 2ffa yookan 4ffa keessatti, gaafii armaan gaditti haa deebisan:
- Ikrem magaala ___ dhalatte, biyya _____ keessatti
- Isiin USAtti bara ____ dhufte
- Galma isii ____ ta’uf
- Kana booda, baratoonnii gaafii hubannoof wa’ee seenaa Ikrem Nuru haa guutan.(see attachment/appendix 4).
Irra Deebi’u
- Baratonnii gaafii armaan gaditti wal haa gaafatan:
- Afaan meeqa haasofta?
- Afaanoonni sun maali
- Afaanoonni sun eenyumaa keetif akkamitti dhiibbaa qaban?
- Barattoonnii taateewwaan eenyumaa jireenya isaani barata waliin haa qoodan. (see attachment/appendix 5).
- Yeroo wal qooduun hogga fixee booda, barattoonnii gaafii armaan gaditti haa deebisan:
- Waan haaraa wa’ee hiriyaa kutaa kee maal baratte?
- Isaan wajjin walitti dhufeenya akkamitti uumuu dandeesse?
- Gaafii tokkoo isaanif maal qabda?
- Dhumurratti, barattoonnii kutaa “Waanan baradhe” KWL chartii irra haa guutan
Deeggarsa Afaanii
- Mul’ata kennu (see slides/attachments).
- Meeshaalee yaada qindeessan kennuu
- Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
- Halluu waliin, barrefamaa irra deemu for 5-4-3-2-1 close reading strategy.
Jechootaa fi Hiika Isaanii
- Boorana (Buh-RAH-nuh): Gareewwan Oromoo keessaa isa guddaa tokko.
- Barentu (Bah-REHN-too): Garee ummata Oromoo
- Cushitic (Kuh-SHIT-ik): Garee afaanotaa fi uummattoota Gaanfa Afrikaa.
- Afaan: Afaan
- Afaan oromo (AH-faan oh-ROH-moh): Afaan Oromoo
Tarree Maddalee Barnootaa
- Kitaaba-Alamayyoo Haile, 2007
- The Oromo and the Christian Kingdom of Ethiopia, 1300–1700 by Mohammed Hassen
- Kitaaba – Hundasaa Waaq-woyya. 2013
- Partisan Discourse and Authentic History by Tabor Wami
- Suuraa Oromoo (as ilaali)
- Liberated Ethnic Studies Model Curriculum Values and Principles (7 Cs) https://drive.google.com/file/d/1cGOs7rsY9wT2qI-yIQh5dye8snRjGYxr/view
Dabalee 1: Chartii KWL
Waa’ee ummata Oromo fii Afaan Oromo maal beekta?
| Waanan Beeku | Waanan Yaadu | Waanan Baradhe |
Dabalee 2: Ummataa Oromoo, Aadaa Oromoo fii Afaan Oromoo (Hojii Barattootaf)
Ummata Oromoon eenyu?
Ummata Oromoon ummata gudda, Itoophiyaa irra fii gaanfa Afrikaa irra. Nama nannoo miliyooni shantama jiran, Itoophiyaa keessatti isaanii garee hunda irra guddadha, Afrikaa keessattilee sadarkaa sadaffaa irrati argama, ummata Hawusaa fii Fuula hordofuun. Irra caalaan, isaanii Afrikaa baha keessa jiraatani, garuu hawaasni Oromoo addunyaa kana irra biyya gosa gosa jiran, biyya Awurooppaa, Eshiyaa fii Ameerikaa Kaabaattilee.
Ummata Oromoon naamota afaan Kushii haasa’an irra dhufan. Yeroo dheeraa irra, ummata Oromoon Sirna Gadaa ijaaran, Sirna Gadaa kun ummata Oromoo ni bulchisa akkasumas ni qindeessa. Sirna Gadaa kun waan adda ta’eef, UNESCO’n akka qabeenya Addunyaa ta’e eegumsaa jiran.
Hiddaa Maatii
Aadaa Oromoon akkuma jedheeti, ummata Oromoon ilma Borana fii ilma Barentuudha.
- Booranaa ilma kudha lama qaba ture, akka gareewwaan Wollagga, Sidamo fii Guji irra.
- Bareentuun ilma shan qaba ture, kan abbootii gareewwaan akka Arsii, Ituu fii Karrayyuuf ta’ame.
Afaan Oromoo
Afaan Oromoon seenaa Afrikaaf barbaachisa ni ta’a. Waggoota dhibba dhibbaadhaf, ummata Oromoon afaan Oromoo ha’saaudhan sirboota, seera fii aadaa dabarsaa turan.
Barreessuu fii Qubee Afaan Oromoo
Afaan Oromoon Akaataatii barrefamu ture yeroo wajjin jijiirama ture.
- 1800s: Afaan Oromoon Afaan Arabaatin barreefama ture
- 1991 irra hanga yeroo ammatti: Afaan Oromoon Qubee laatin fayyadamu eegalee (akkuma Afaan Ingiliizii)
Afaan Oromoon Qubee sodomii sadii qaba. Dubbachiiftuu gabaaboo shanii akkuma Afaan Ingiliizii ni qaba (A, E, I, O, U). Akkasumas Qube dachaa (Ch, Dh, Ph, Ny, Sh, fii Ts) sagalee addaf ni qaba.
Barnootaa fii Miidiyaa keessa
Yeroo amma, Afaan Oromoon afaan ogummadha kan bakka adda addattin jireenya kessati fayyadamu ni argama.
- Mana barumsaa kessaa: Afaan Oromoon afaan barnoota mana barumsaa daa’immanii irra hanga sadarkaa yuuniversitiitti fayyadamu ni argama. Barattoonnii PhDilee Afaan Oromootin argachuu ni danda’an.
- Oduu kessaa: Erga bara 1991 irra, buufataalee televijiini fii raadiyoo afaan Oromootiin tamsaasa turan. Buufata mootummaa akkuma OBN fii ETV, akkasumas oduu addunyaa akkuma BBC fii VOA.
- Teknooloojii keessaa: Afaan Oromoon yeroo dijitaalaa kessaa seenee jira. Amma Afaan Oromoon Hiikkaa Guugilii irratti fayyadamuu dandeessa. Akkasumas kiiboordii fii sooftiweerota bilbila harkaa Afaan Oromoof ni jira.
Maalif Barbaachisoo Ta’e
Afaan dhaloota mana barumsaa kessatti fayyadamuun barattoota akka gaariitti baratan ni gargaara, akkasumas eenyummaa isaani wajjin akka walitti hidhatan taasisa. Namoonnii biyya haaraatti godaananif, akka Ikrem Nuru, afaan isaani eenyummaa isaani wajjin wal qabsiisa. Afaani jechoota qofa miti; miira, seenaa fi aadaa ibsuuf gargaara.
Dabalee 3: Tarsiimoo Dubbisaa 5-4-3-2-1 (Hojii Barattootaf)
Dabalee 2 dubbisu booda, barattoonni tarsiimoo dubbisaa kana guutan: jecha barbaachisoo shan hiika isaani wajjin, dhugaawwan afur, jecha haaraa sadii, walitti dhufeenya lama fii gaafii tokko.
| Jechoota Barbaachisoo Shan Fii Hiikaa Isaanii | 1) 2) 3) 4) 5) |
| Dhugaawwan afuur | 1) 2) 3) 4) |
| Jechoota haaraa sadii | 1) 2) 3) |
| Walitti dhufeenya lama | 1) 2) |
| Gaafii tokkoo | 1) |
Dabalee 4ffa: Gaafii hubannoof seenaa Ikrem Nuru irra (Waraqaa Barattootaf)
Viidiyo ilaaluu booda, barattoonnii taateewwan seenaa Ikrem Nuru irra tartiitaatin haa guutan.
| 1. Jireenya Ikrem Nuru Asasa, Itophiiyaa kessatti ibsi |
| 2. Ikrem abbaa isii irra oduu guddaa maal dhageesse? Haadha fii obboleettii issi dhiistee deemuun Ikrem irratti akkamitti dhiibbaa isiitti geessisee yaaddan? |
| 3. Imala Ikrem gara Ameerikaatti ibsi. Yeroo Ameerikaa dhufu isii maal mudate? Afaan haaraa (Ingiliffaa) barachuun Ikremiif jabaa ture? Maaliif? Ikrem yeroo Ameerikaatti dhufte akkamitti miiraa keessaa of ta’uu fii eenyummaa argatte? |
| 4. Galma Ikrem fuulduraaf qabdu ibsi. Maaliif baayoloojii barachuu barbaddi? Kun akkamitti warra isiitif deebii gaarii kennuu ta’a jettee yaaddan? |
Dabalee 5ffa: Taatee Eenyumma Jireenya (Hojii Barattootaf)
Taateewwan jireenya shan, kaa eenyumaa kee ijaare yaadaa.
Fakkenyaaf,
- Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota
- Bakka fii gizee dhalatte
- Taatee 2: Jijiirama gurguddaa
- Yeroo mana barumsa haaraa jalqabde, yeroo afaan haaraa haasofte, yeroo jalqabaaf waan haara yaalte
- Taatee 3: Qormaataa fi guddina
- Yeroo eenyuma keeti irra boonte, yeero rakkina keessalee
- Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u
- Yeroo nama ka seenaa kee fi wa’ee keeti hubatee
- Taatee 5: Abdii Fuulduraf
- Galma kaa fuulduratti itti ga’u barbadduu
| Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota |
| [Taatee kana ibsaa; himoota guutuu afur hanga jahaatti barreessaa.] |
| Taatee 2: Jijiirama gurguddaa |
| [Taatee kana ibsaa; himoota guutuu afur hanga jahaatti barreessaa.] |
| Taatee 3: Qormaataa fi guddina |
| [Taatee kana ibsaa; himoota guutuu afur hanga jahaatti barreessaa.] |
| Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u |
| [Taatee kana ibsaa; himoota guutuu afur hanga jahaatti barreessaa.] |
| Taatee 5: Abdii Fuulduraaf |
| [Taatee kana ibsaa; himoota guutuu afur hanga jahaatti barreessaa.] |
Yuunitii 1ffa: Afaanii fii eenyuuma: Hiddaa Oromoo
Yeroo Murtaa’e
- Kutaa barnootaa lama kessatti
Meeshaalee Barnootaa
- Green Card Youth Voices: Immigration Stories from a Minneapolis High School – Ikrem Nuru’s Viidiyo Ikrem Nuru
- Dabalee: Hojii Barattootaf
- Suuraa Oromoo (as ilaalii)
Connections to the 7 Cs of Ethnic Studies
- Cultivate: Waa’ee seena Oromo, ummata Oromo fii Afaan Oromo barachuu carra ijooleef eenyumaa isaani barachuu ni danda’ama.
- Center: Muxannoo dargaggoota Oromo biyya haaraa kessa galuu akka godaantotaatti
Guyyaa 1ffa Gaafii Jalqabaa:
- Waa’e ummata Oromoo fii Afaan Oromoo maal beeka turtan? Waan tokko barressii. “Ammatti an hin beeku” barressii yoo ammatti hin beekne.
Ignite (Kakaasuu)
- Barattoonni walitti haa’saaudhan KWL chartii haa guutan, gaafi kana deebisuudhan:
- Waa’e ummata Oromoo fii Afaan Oromoo maal beekaa turtan?
Chunk 1 (Qindeessuu 1)
- Barreeffama “Oromo People, Culture, and Language” barattoota waliin irra deemi, seenaa Oromo, aada Oromo fii Afaan Oromo galuu isaanif.
- “Tarsiimoo dubbisaa 3-2-1” (Dabalee 3 ilaali) itti fayyadami. Barattoonnii dhugaawwan sadii, walitti dhufeenya lama, fii gaafii tokkoo adda baasu.
Chunk 2 (Qindeessuu 2)
- Barattoonni vidiyoo kana ni laalan: Viidiyoo Ikrem Nuru
Gaafii Xumuraa
- Har’a waa’e ummata Oromo yookan afaan Oromo waan baratte tokko barreesii.
“Waanan baradhe tokko ___.”
Guyyaa 2ffa Gaafii Jalqabaa:
- Waan eenyumaa keeti irra tokkoo maaltu barbaachisoo ta’e? Afaan kee, maatii kee, aada kee, fii bakka dhaloota kee ta’u danda’a. As jala barresii yookan suura kaasi.
Chew (Xiinxaluu)
- Vidiyoo laalu booda, have students jigsaw together the timeline of events in chronological order from Ikrem Nuru’s story (see attachment/appendix 4).
- Barattoonnii gaafii adda adda deebisuun paazilii eenyumaa isanii haa qopheessan. (Dabalee 5ffa ilaali)
- Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota
- Taatee 2: Jijiirama gurguddaa
- Taatee 3: Qormaata fi guddina
- Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u
- Taatee 5: Abdii Fuulduraf
Irra Deebi’u
- Barattoonnii paazilii eenyummaa isaanii barata waliin haa qoodan. Achi booda, gaafii kana itti gaafadhu: Waan haaraa wa’ee hiriyaa kutaa keeti maal baratte?
- Barattoonnii “Waanan Baradhe” KWL Chartii irra haa guutan
Deeggarsa Afaanii
- Mul’ata kennu (see slides/attachments).
- Meeshaalee yaada qindeessan kennuu
- Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
- Halluu waliin, barrefamaa irra deemu for 3-2-1 close reading strategy.
Jechootaa fi Hiika Isaanii
- Boorana (Buh-RAH-nuh): Gareewwan Oromoo keessaa isa guddaa tokkoo.
- Barentu (Bah-REHN-too): Garee ummata Oromoo
- Cushitic (Kuh-SHIT-ik): Garee afaanotaa fi uummattoota Gaanfa Afrikaa.
- Afaan: Afaan
- Afaan oromo (AH-faan oh-ROH-moh): Afaan Oromoo
Tarree Maddalee Barnootaa
- Kitaaba-Alamayyoo Haile, 2007
- The Oromo and the Christian Kingdom of Ethiopia, 1300–1700 by Mohammed Hassen
- Kitaaba – Hundasaa Waaq-woyya. 2013
- Partisan Discourse and Authentic History by Tabor Wami
- Suuraa Oromoo https://docs.google.com/presentation/d/1K4aniJlR0OMvZZkDZT-LIHKTRxnoBA5Ah09EV0Tb758/edit
Liberated Ethnic Studies Model Curriculum Values and Principles (7 Cs) https://drive.google.com/file/d/1cGOs7rsY9wT2qI-yIQh5dye8snRjGYxr/view
Dabalee 1ffa: Chartii KWL
Waa’ee ummata Oromo fii Afaan Oromo maal beekta?
|
Waanan Beeku |
Waanan Yaadu |
Waanan Baradhe |
Dabalee 2ffa: Ummataa Oromoo, Aadaa Oromoo fii Afaan Oromoo (Barreefamaa Barattootaf)
Ummata Oromoon eenyu?
Ummata Oromoon ummata gudda, Itoophiyaa irra fii gaanfa Afrikaa irra. Nama nannoo miliyooni shantama jiran, Itoophiyaa keessatti isaanii garee hunda irra guddadha, Afrikaa keessattilee sadarkaa sadaffaa irrati argama. Irra caalaan, isaanii Afrikaa baha keessa jiraatani, garuu hawaasni Oromoo addunyaa kana irra biyya gosa gosa jiran, biyya Awurooppaa, Eshiyaa fii Ameerikaa Kaabaatilee.
Seenaa fii Hidda Dhalootaa
- Hidda Dhalootaa: Adaan akka jedhe, Oromoon Barentu fi Borana irra dhufan
- Mootummaa (Gadaa): Yeroo dheeraa irra, ummata Oromoon sirna Gadaa ijaaramani, Sirna Gadaa kana waan adda ta’eef, UNESCO akka qabeenya Addunyaa ta’e eegumsaa jiran.
Afaan (Afaan Oromoo)
- Barresuu: Yeroo amma, Afaan Oromoo qubee laatiin ni fayyadama (akkuma qubee afaan Ingliifati). Qubee soddomii sadii qaba.
- Oduu fi Mana Barumsaa: Barattonnii afaan Oromoo hanga PhD itti barachuu ni danda’an. Afaan Oromoo buufata oduu beekama irra akka BBC irrati dhagaa’u danda’ama.
- Teeknooloojii: Hiikkaa Guugilii irra Afaan Oromoo ni jira. Bilbila kessa fayyadamu ni danda’ama.
Isaanii maalif barbaachisaa ta’an
Ummata Oromoon seeraa fi seenaa isaanii kara dubbittin qoodu yeroo dheeraf turanii. Afaan Oromoo yeroo hundatti fayyadamu aadaa fii miira isaanif barbaachiisaadha, addunyaa kanarra bakka fedhe jiraatanis.
Dabalee 3ffa: Tarsiimoo Dubbisaa 3-2-1 (Hojjii Barattootaf)
Dabalee 2ffa dubbisu booda, barattoonni tarsiimoo dubbisaa kana guutan: Dhugaawwan sadii, walitti dhufeenya lama fii gaafii tokko.
|
Dhugaawwan 3 |
|
|
Walitti dhufeenya 2 |
|
|
Gaafii 1 |
|
Dabalee 4ffa: Paazilii Ikrem Nuru (Hojjii Barattootaf)
Viidiyo ilaaluu booda, barattoonnii taateewwan seenaa Ikrem Nuru irra tartiitaatin haa guutan.
|
Jireenya Asasa, Itophiiyaa kessatti |
|
Ikrem mana xiqqo Itophiiyaa kessaatti guddatte haadha isii fii obboleyyan torba waliin. Umrii isii hogga wagga afuur ture, abba isii gara Keenyaatti deeme, achi irra Amerikaatti deeme hojji arkaachu jechaaf fii mana gudda bitachuuf. |
|
Oduu Guddaa |
|
Waggoota hedduu booda, abba Ikrem obbolaa isii Amerikaatti fidee. San xiqqo booda, wagga 2011 keessatti, inni Itophiiyaatti deebi’e, Ikrem fii obboletti isii viisa wajjin isaani ajaa’ibsiisee, garuu haadha fi obboletti isaani dhiisuu ni gaddan. |
|
Imala Amerikaatti |
|
Wagga 2012 keessatti, Ikrem fi obbolettii isii Amerikaatti deemani. In 2012, Ikrem and her sister traveled to the United States. Balalli jalqaba isaani isaani bira dabare, maatii isaani hammachu turan, garuu guyya itti aane, balalli arkatan. |
|
Addunyaa haara itti ga’u |
|
Ikrem hogga Washington DC kessaa dhuftee, waan haaraa, akka kompiitara ka akka nama haasa’u dandaa’u isii ajaa’ibsiifatte. Isiin abba fi obbola isii hogga arkite, isaani baa’yee guddatan, saniif isiin isaani hin beekne jechuu ni danda’ama. |
|
Galmoota gara fuulduraa |
|
Har’a, Ikremii mana barumsaa keessatti, sadarkaa kudha lama kessaa jirti, baayoloojii barachuudhan. Abdii isii kollejjii itti deemu, narsii ta’uf fii hospitaala kessa hojjechuf. Isiin warri isiitif, waan hunda godhaniif galateefachu barbaddi. |
Dabalee 5ffa: Paazilii Eenyummaa Barataaf (Hojjii Baratootaf)
Taateewwan jireenya saadii, kaa eenyumaa kee ijaare yaadaa.
Fakkenyaaf,
- Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota
- Bakka fii gizee dhalatte
- Taatee 2: Jijiirama gurguddaa
- Yeroo mana barumsa haaraa jalqabde, yeroo afaan haaraa haasofte, yeroo jalqabaaf waan haara yaalte
- Taatee 3: Qormaataa fi guddina
- Yeroo eenyuma keeti irra boonte, yeero rakkina keessalee
- Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u
- Yeroo nama ka seenaa kee fi wa’ee keeti hubatee
- Taatee 5: Abdii Fuulduraf
- Galma kaa fuulduratti itti ga’u barbadduu
|
Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota |
|
[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin] [Suuraa taateef as kaasaa] |
|
Taatee 2: Jijiirama gurguddaa |
|
[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin] [Suuraa taateef as kaasaa] |
|
Taatee 3: Qormaataa fi guddina |
|
[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin] [Suuraa taateef as kaasaa] |
|
Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u |
|
[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin] [Suuraa taateef as kaasaa] |
|
Taatee 5: Abdii Fuulduraaf |
|
[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin] [Suuraa taateef as kaasaa] |