+
Afaan Oromo Archives - Green Card Voices
w
Roots of Oromo

Yuunitii 1ffa: Afaanii fii eenyuuma: Hiddaa Oromoo

Yeroo Murtaa’e 

  • Kutaa barnootaa lama kessatti

 

Meeshaalee Barnootaa

  • Green Card Youth Voices: Immigration Stories from a Minneapolis High School – Ikrem Nuru’s Viidiyo Ikrem Nuru
  • Dabalee: Hojii Barattootaf
  • Suuraa Oromoo (as ilaalii)

Connections to the 7 Cs of Ethnic Studies

  • Cultivate: Waa’ee seena Oromo, ummata Oromo fii Afaan Oromo barachuu carra ijooleef eenyumaa isaani barachuu ni danda’ama.
  • Center: Muxannoo dargaggoota Oromo biyya haaraa kessa galuu akka godaantotaatti

Guyyaa 1ffa Gaafii Jalqabaa:

  • Waa’e ummata Oromoo fii Afaan Oromoo maal beeka turtan? Waan tokko barressii. “Ammatti an hin beeku” barressii yoo ammatti hin beekne.

Ignite (Kakaasuu)

  • Barattoonni walitti haa’saaudhan KWL chartii haa guutan, gaafi kana deebisuudhan:
    • Waa’e ummata Oromoo fii Afaan Oromoo maal beekaa turtan?

Chunk 1 (Qindeessuu 1)

  • Barreeffama “Oromo People, Culture, and Language” barattoota waliin irra deemi, seenaa Oromo, aada Oromo fii Afaan Oromo galuu isaanif. 
  • “Tarsiimoo dubbisaa 3-2-1” (Dabalee 3 ilaali) itti fayyadami. Barattoonnii dhugaawwan sadii, walitti dhufeenya lama, fii gaafii tokkoo adda baasu.

Chunk 2 (Qindeessuu 2)

Gaafii Xumuraa

  1. Har’a waa’e ummata Oromo yookan afaan Oromo waan baratte tokko barreesii. 

“Waanan baradhe tokko ___.”

Guyyaa 2ffa Gaafii Jalqabaa:

  • Waan eenyumaa keeti irra tokkoo maaltu barbaachisoo ta’e? Afaan kee, maatii kee, aada kee, fii bakka dhaloota kee ta’u danda’a. As jala barresii yookan suura kaasi.

Chew (Xiinxaluu)

  • Vidiyoo laalu booda, have students jigsaw together the timeline of events in chronological order from Ikrem Nuru’s story (see attachment/appendix 4).
  • Barattoonnii gaafii adda adda deebisuun paazilii eenyumaa isanii haa qopheessan. (Dabalee 5ffa ilaali)
  • Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota
  • Taatee 2: Jijiirama gurguddaa
  • Taatee 3: Qormaata fi guddina
  • Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u
  • Taatee 5: Abdii Fuulduraf

Irra Deebi’u

  • Barattoonnii paazilii eenyummaa isaanii barata waliin haa qoodan. Achi booda, gaafii kana itti gaafadhu: Waan haaraa wa’ee hiriyaa kutaa keeti maal baratte?
  • Barattoonnii “Waanan Baradhe” KWL Chartii irra haa guutan

Deeggarsa Afaanii

  • Mul’ata kennu (see slides/attachments).
  • Meeshaalee yaada qindeessan kennuu
  • Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
  • Halluu waliin, barrefamaa irra deemu for 3-2-1 close reading strategy.

Jechootaa fi Hiika Isaanii

  • Boorana (Buh-RAH-nuh): Gareewwan Oromoo keessaa isa guddaa tokkoo.
  • Barentu (Bah-REHN-too): Garee ummata Oromoo
  • Cushitic (Kuh-SHIT-ik): Garee afaanotaa fi uummattoota Gaanfa Afrikaa.
  • Afaan: Afaan
  • Afaan oromo (AH-faan oh-ROH-moh): Afaan Oromoo

Tarree Maddalee Barnootaa 

Liberated Ethnic Studies Model Curriculum Values and Principles (7 Cs) https://drive.google.com/file/d/1cGOs7rsY9wT2qI-yIQh5dye8snRjGYxr/view

Dabalee 1ffa: Chartii KWL

Waa’ee ummata Oromo fii Afaan Oromo maal beekta?

 

Waanan Beeku

Waanan Yaadu

Waanan Baradhe

   

Dabalee 2ffa: Ummataa Oromoo, Aadaa Oromoo fii Afaan Oromoo (Barreefamaa Barattootaf)

 

Ummata Oromoon eenyu?

Ummata Oromoon ummata gudda, Itoophiyaa irra fii gaanfa Afrikaa irra. Nama nannoo miliyooni shantama jiran, Itoophiyaa keessatti isaanii garee hunda irra guddadha, Afrikaa keessattilee sadarkaa sadaffaa irrati argama. Irra caalaan, isaanii Afrikaa baha keessa jiraatani, garuu hawaasni Oromoo addunyaa kana irra biyya gosa gosa jiran, biyya Awurooppaa, Eshiyaa fii Ameerikaa Kaabaatilee. 

 

Seenaa fii Hidda Dhalootaa

  • Hidda Dhalootaa: Adaan akka jedhe, Oromoon Barentu fi Borana irra dhufan
  • Mootummaa (Gadaa): Yeroo dheeraa irra, ummata Oromoon sirna Gadaa ijaaramani, Sirna Gadaa kana waan adda ta’eef, UNESCO akka qabeenya Addunyaa ta’e eegumsaa jiran.

 

Afaan (Afaan Oromoo)

  • Barresuu: Yeroo amma, Afaan Oromoo qubee laatiin ni fayyadama (akkuma qubee afaan Ingliifati). Qubee soddomii sadii qaba.
  • Oduu fi Mana Barumsaa: Barattonnii afaan Oromoo hanga PhD itti barachuu ni danda’an. Afaan Oromoo buufata oduu beekama irra akka BBC irrati dhagaa’u danda’ama. 
  • Teeknooloojii: Hiikkaa Guugilii irra Afaan Oromoo ni jira. Bilbila kessa fayyadamu ni danda’ama.

 

Isaanii maalif barbaachisaa ta’an

Ummata Oromoon seeraa fi seenaa isaanii kara dubbittin qoodu yeroo dheeraf turanii. Afaan Oromoo yeroo hundatti fayyadamu aadaa fii miira isaanif barbaachiisaadha, addunyaa kanarra bakka fedhe jiraatanis. 

 

 

Dabalee 3ffa: Tarsiimoo Dubbisaa 3-2-1 (Hojjii Barattootaf)

Dabalee 2ffa dubbisu booda, barattoonni tarsiimoo dubbisaa kana guutan: Dhugaawwan sadii, walitti dhufeenya lama fii gaafii tokko.

 

   

Dhugaawwan 3

  1.  
  2.  
  3.                                   

Walitti dhufeenya 2

  1.  
  2.  

 

Gaafii 1

  1.  

Dabalee 4ffa: Paazilii Ikrem Nuru (Hojjii Barattootaf)

Viidiyo ilaaluu booda, barattoonnii taateewwan seenaa Ikrem Nuru irra tartiitaatin haa guutan.

Jireenya Asasa, Itophiiyaa kessatti

 

Ikrem mana xiqqo Itophiiyaa kessaatti guddatte haadha isii fii obboleyyan torba waliin. Umrii isii hogga wagga afuur ture, abba isii gara Keenyaatti deeme, achi irra Amerikaatti deeme hojji arkaachu jechaaf fii mana gudda bitachuuf.

 

Oduu Guddaa

 

Waggoota hedduu booda, abba Ikrem obbolaa isii Amerikaatti fidee. San xiqqo booda, wagga 2011 keessatti, inni Itophiiyaatti deebi’e, Ikrem fii obboletti isii viisa wajjin isaani ajaa’ibsiisee, garuu haadha fi obboletti isaani dhiisuu ni gaddan. 

 

Imala Amerikaatti

 

Wagga 2012 keessatti, Ikrem fi obbolettii isii Amerikaatti deemani. In 2012, Ikrem and her sister traveled to the United States. Balalli jalqaba isaani isaani bira dabare, maatii isaani hammachu turan, garuu guyya itti aane, balalli arkatan.

 

Addunyaa haara itti ga’u

 

Ikrem hogga Washington DC kessaa dhuftee, waan haaraa, akka kompiitara ka akka nama haasa’u dandaa’u isii ajaa’ibsiifatte. Isiin abba fi obbola isii hogga arkite, isaani baa’yee guddatan, saniif isiin isaani hin beekne jechuu ni danda’ama.

 

Galmoota gara fuulduraa

 

Har’a, Ikremii mana barumsaa keessatti, sadarkaa kudha lama kessaa jirti, baayoloojii barachuudhan. Abdii isii kollejjii itti deemu, narsii ta’uf fii hospitaala kessa hojjechuf. Isiin warri isiitif, waan hunda godhaniif galateefachu barbaddi.

Dabalee 5ffa: Paazilii Eenyummaa Barataaf (Hojjii Baratootaf)

 

Taateewwan jireenya saadii, kaa eenyumaa kee ijaare yaadaa.

Fakkenyaaf, 

  • Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota
    • Bakka fii gizee dhalatte
  • Taatee 2: Jijiirama gurguddaa
    • Yeroo mana barumsa haaraa jalqabde, yeroo afaan haaraa haasofte, yeroo jalqabaaf waan haara yaalte
  • Taatee 3: Qormaataa fi guddina
    • Yeroo eenyuma keeti irra boonte, yeero rakkina keessalee
  • Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u
    • Yeroo nama ka seenaa kee fi wa’ee keeti hubatee
  • Taatee 5: Abdii Fuulduraf
    • Galma kaa fuulduratti itti ga’u barbadduu

 

Taatee 1: Dhaala fii hidda dhaloota

 

[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin]

[Suuraa taateef as kaasaa]

 

Taatee 2: Jijiirama gurguddaa

 

[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin]

[Suuraa taateef as kaasaa]

 

Taatee 3: Qormaataa fi guddina

 

[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin]

[Suuraa taateef as kaasaa]

 

Taatee 4: Hawaasa fi Ofi ta’u

 

[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin]

[Suuraa taateef as kaasaa]

 

Taatee 5: Abdii Fuulduraaf

 

[Taatee as kessa ibsaa, hima sadii guutu wajjin]

[Suuraa taateef as kaasaa]