+
Healing and Future Building Archives - Green Card Voices
w

Yuunitii 3: Fayyinaa fi Fuuldura Ijaaruu – Sirna Gadaa

Yeroo Murta’e 

  • Kutaa barnootaa lama kessatti

Meeshaalee Barnootaa

Connections to the 7 Cs of Ethnic Studies

  • Center: Sirna Gadaatiin beekumsa hawaasa Oromoo, jaarsolii, maatii, fi muuxannoo jireenyaa irratti xiyyeeffachuu.
  • Conceptualize: Dargaggoota Oromoo fi Itoophiyaa keessattif abdii, fayyinaa, fuuldura, fi carraalee irratti yaadu

Qajeelfamoota:

Guyyaa 1ffa Gaafii Jalqabaa:

  • Nama akka geggeessaatti kabajdu tokko yaadi. Maaltu isaan geggeessaa gaarii taasisa? Himaa lama yookan sadii barreesii, yookan suura kaasi.

Ignite (Kakaasuu)

  • Barattoonni walitti haa’saaudhan, gaafii armaan gaditti kana haa deebisan:
  • Galmaa yookaan abdii fuulduraf maal qabda?

Chunk 1 (Qindeessuu 1)

  • Barreefamaa “What Is the Gadaa System?” barattootatti garsisii (see attachment/appendix 1). 
  • Barattoonnii sadarkaa Sirna Gadaa kudhanii fakkii yaada qindeessu irra haa guutan. (see attachment/appendix 2).

Chunk 2 (Qindeessuu 2)

  • Baratoonni Vidiyoo Mikyas Woldemichael haa laalan.

     

Gaafii Xumuraa

  • Sadarkaa Sirna Gadaa ilaalaa. Sadarkaa kam kessaa jirta? Maqaa sadarkaa sun barresii, itti gaafatamummaa isa tokkoo barresii.
    – Sadarkaa ___ kessan jira. Itti gaafatamummaa tokkoo sadarkaa kanarra ____.

     

Guyyaa 2ffa Gaafii Jalqabaa:

  • Waa’ee seenaa Mikyas itti yaadaa. Kuubbaa miilaa fayyuu isa fii fuuldura ijaaruu akkamii isa gargaaree? Himaa tokkoo yookan lama waliin waan yaadattan viidiyoo irra barressaa.

     

Chew (Xiinxaluu)

  • Viidiyoo ilaaluu booda, barattonnii gaafii armaan gaditti haa deebisan:
  • Mikyas umrii isa sodomii lama ta’e. Gadaa kessaa sadarkaa kami jira? Geggeessumma akkami garsiisee?. 
  • Mikyasif kuubbaa miila taphachuu waan barbaachisaa isaaf ture? Kuubaa miilaa faayyinaa fii carraa fuuldura hawaasa isaatif akkamiitti kennee? 
  • Sadarkaa 5, Raaba Doorii (umrii 32 irra – 40tti) yeroo itti ga’u keessanii, geggeessaa akkam ta’u barbaaddan?

Irra Deebi’u

  • Barattoonnii gaafii armaan gaditti wal haa qoodan:
    • Ijoollee akka umrii keeti Sirna Gadaa kessatti sadarkaa kam jiran?
    • Umrii kanattii itti gaafatamummaa maal fakkata?
    • Waan kun aadaa kee kessatti akkam tokkoo yookan adda ta’e?

       

Gaafii Xumuraa

  • Sirna Gadaa irraa waan tokkoo waanan baradhe ___. Kun jireenya koo wajjin wal hidhamiinsa qaba, sababnii isaas___.

Deeggarsa Afaanii

  • Mul’ata kennu (see slides/attachments).
  • Meeshaalee yaada qindeessan kennuu
  • Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.

Jechootaa fii Hiikaa Isaanii

  • Gadaa system: Sirna siyaasa fii mootummaa ummata Oromoof.
  • Abba Gadaa: Geggeessaa filatame Sirna Gadaa kessaatti. 
  • Qondaala: Sadarkaa 4ffa Sirna Gadaa kessatti, umrii diigdamii afuur irra hanga sodomii lamatti. Dargaggonni kun tiksitoota hawaasaa ta’u. Isaani loluu, ispoortii fi daakuu ni leenjisan.
  • Abba Duula: Ajajaa waraanaa Sirna Gadaa keessatti.

Tarree Maddalee Barnootaa 

    • Dirrib Damisse, 2007 Sirna Gadaa
  • The Oromo and the Christian Kingdom of Ethiopia, 1300–1700 by Mohammed Hassen

 

Dabalee 1: Sirna Gadaan Maali? (Hojii Barattootaf)

Sirna Gadaan Maali?

Sirna Gadaa akkuma gaaddisaati. Ummata Oromoo bakka hundatti ni hordofa. Namoonni umrii isaanii irratti hundaa’uun hojjii ni qaban. Sirna Gadaa addunyaa irrati beekamaadha. UNESCO’nis Sirna Gadaa  akka qabeenya Addunyaa ta’e eegumsaa jiran.

Geggeessaa Shanan (Mootummaa)

Sirna Gadaa gareewwan garaagaraatiin qoodama. Gareen hundi geggeessaa qaba. Geggeessaan sun hojii addaa qaban.

  1. Abbaa Gadaa: Geggeessaa olaanaa biyya guutuu bulchu
  2. Abbaa Duulaa: Ajajaa waraanaa Sirna Gadaa keessatti.
  3. Abbaa Sa’aa: Qabeenya uumamaa akka buna fii qonnaa irrati hojji hojjetu.
  4. Abbaa Caffe: geggeessaa seera baasuu keessatti hojji hojjetu.
  5. Abbaa Seeraa: geggeesaa haqa fi seerati. Namoonni hunda seera akka kabajan ni ilaalaa.

     

Sadarkaa Kudhan Sirna Gadaa Keessatti

Sadarkaa 1: Dabballee (Umrii 0–8)

Ijoolleen umrii kanatti akka qulqulluu ta’an fii dilii hin qabnee ilaalamu. Hojjiin isaanii taphaan, mammaaksan fii hibboon waa’ee maatii isaani fii uumamaa barachuuf.

 

Sadarkaa 2: Ittimakoo (Umrii 8–16)

Sadarkaa kanattin ijoolleen taphoota, sirboota fii shubbisaa aadaa ni baratan. Akkasumas seenaa maatii isaanii fi lakkaawwuu ni baratan. Amala gaarii ijaaruu, gaarummaa fi obsa qabachuulee ni baratan.

 

Sadarkaa 3: Fools / Great Gaammee (Umrii 16–24)

Kana sadarkaa akkumaa koollejjii yaadaa. Dargaggoonii umrii kanatti hojjii qonnaa, fardaa yaabbachuu fii horii tiiksu ni baratan. Akkasumas dandeettii lolaa ni leenjisan. Sirbootadhan aadaa isaanilee ni kabajan.

 

Sadarkaa 4: Qondaala (Umrii 24–32)

Kun sadarkaa eegumsaati. Dargarggonni ispoortii, daakuu, fii loluu ni leenjisan. Hojjii irra gudda isaanii ummata Oromoo fii qabenyaa isanii tiiksudha.

 

Sadarkaa 5: Raaba Doorii (Umrii 32–40)

Kun sadarkaa namoonni geggeessummaaf itti qopha’anidha. Wa’ee seeraa, seenaa fii mootummaa geggeessuu ni baratan. Akkasumas itti gaafatamummaa fuudhuu fii maatii ijaaruu ni fudhatan, akka biyyaa geggeessuuf qophaa’an agarsiisuuf.

 

Sadarkaa 6: Gadaa / Abbaa Gadaa (Umrii 40–48)

Kun sadarkaa mootummaa geggeessuuti. Namoonnii waggoota hedduu leenjii booda geggeessummaaf filatamu. Abba Gadaan geggeessa olaanaadha. Isaani waggaa saddeetiif ummata isaanii bulchan.

 

Sadarkaa 7: Yuuba tokkoffaa (Umrii 48–56)

Waggaa sadeetii geggeessaa ta’anii booda, namoonni gorsitoota ta’an. Nama kabajamaa tokko Abba Bokkuu ta’ee filatamu. Inni filannoo sirrii akka ta’u ilaala, akkasumas ummata Oromoof waliigala guddaatti deema (akkuma waliigala Afrikaan Yuuniyoon).

 

Sadarkaa 8 and 9: Yuuba lamaffaa fii saddaffaa (Umrii 56–72)

Sadarkaalee kana keessatti, maanguddoota Hayyuu jedhanii waamani. Hojjiin isaanii dargaggoota aadaa Oromoo fii mootummaa barsiisuudha. Akkasumas yeroo wal mormuu kessaa, araara ni baasan.

 

Sadarkaa 10: Yuuba afraaffaa / Gadaamojjii (Umrii 72–80)

Maanguddoota kun hayyota hawaasati. Beekumsa guddaa qaban, namoonni hedduunis isaani ni kabajan. Yeroo isaani barsiisuu, kadhachuu fii ummata isaanii gargaaruu wajjin dabarsanii.

 

Xumuraa

  • Humna Saddeetii: Sadarkaan hundi waggaa saddeetii turti.

  • Ce’umsa Dimokiraasii: Aangoon yeroo hundaa garee itti aanuuf darbama; namni tokko yeroo hunda aango waliin hin turuu.

  • Kabaja Umriif: Gareen umrii hundi hojii addaa qaba. Hojiin isaani hawaasa guutuu ni gargaara.

Dabalee 2: Sadarkaa Kudhanii Sirna Gadaa

Waraqaa hojii kana keessatti sadarkaa kudhanii sirna Gadaa guutaa

Sadarkaa

Umrii

Maqaa isa

Itti gaafatamumma sadarkaa kana keessaa jiru suura kaasaa. 

1

   

 

2

   

 

3

   

 

4

     

5

   

 

6

   

 

7

   

 

8–9

   

 

10