+
Mutual Aid Archives - Green Card Voices
w

Yuunitii 2ffa: Dandamannaa fii Falmaa – Dandamannaa Aadaa Oromoo Kessatti

Yeroo Murtaa’e

  • Kutaa barnootaa lama kessatti

 

Meeshaalee Barnootaa


Connection to the 7 Cs of Ethnic Studies

  • Center: Aadaa Oromoo keessaa wal gargaaruu irratti xiyyeeffachuun

Qajeelfamoota:

Guyyaa 1ffa Gaafii Jalqabaa:

  • Yeroo namni tokko oso ati hin gaafanne si gargaaree yaadi. Maal si godhe? Himaa lama yookan sadii barreesii yookan suura kaasi.

Ignite (Kakaasuu)

  • Gaafii lama kannen barattoota itti gaafadhu. Baratootan afaanii ka fedhaanitti deebii kennu ni danda’an. Suura kaasulee ni danda’an.
    • Aadaa jechuu maali? Yoo barbaaddan, aadaa kutaa keenya kessa, mana barumsa keenya, yookan aadaa maatii kee yookan aadaa hawaasa kee yookan aadaa Amerikaa ibsu ni dandeettan. 
    • Dandamannaa jechuu maali?
  • Barattoonnii deebii isaani wal haa qoodan

 

Chunk 1 (Qindeessuu 1)

  • Barattootaf haala salphaatiin hiika aadaa fii dandamannaa itti kenni 
  • Barnoota aadaa Oromoo armaan gaditti dhiheessii

 

Aadaa Oromoo wal gargaaruu

 

  • Jiga – Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan.
    • Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.
  • Qabo – Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee.
    • Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
  • Afoosha – Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu.
    • Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.

 

Chunk 2 (Qindeessuu 2)

  • Fakkeenyaa barata ka Itophiiya irra dhufee gara Amerikaattii kenni. Gaafii armaan gaditti gaafadhu: 
  • Barata kun kuta, hiriiyaa, yeroo taphaa fii yeroo laaqana akkamitti isaaf jabaata? (Deebiiwwan eegaman: rakkoo afaanii, kutaa yookan laaqana yookan boqoonaa akkatti deeman beekuu dhabuu, fii hiriiya arkachuu dhabuu.)  
  • Mana barumsaa keenya beekudhan, barattoota barata haaraa kun akkamitti isa simaatan? Barsiisaan fii mana barumsa isa akkam gargaaran? 
  • Aadaa Oromoo irra waan baraannee, deebii keenya aadaa sanaa wajjin tokko ta’aa, moo adda ta’a? 
  •          Jiga: Barata haaraa kun kutaalee itti dhaquu, afaan Ingliifaa barachuu, fii maddaalee hawaasa maatii isaatif argachuu waliin eenyuu isa gargaara? 
  •         Qabo: Mana barumsaa keenya barata kana yeroo ce’umsa isa kessaa isa gargaaru danda’a? 
  •         Afoosha: Mana barumsaa keenya barata kun fii maatii isaaf ce’umsa biyya haaraa keessatti galuu akkamitti isa gargaara?

Gaafii Xumuraa

  • Waa’ee Aadaa Oromoo waan baraannee har’a tokko irra (Jiga, Qabo, yookan Afoosha) armaan gaditti ibsi jechoota ofii keeti waliin.

Guyyaa 2ffa Gaafii Jalqabaa:

  • Seenaa Tashitaa itti yaadaa. Qormaataa tokkoo Ameerikaatti dhufuu isa irra ibsi. Aadaa Jiga, Qabo yookan Afooshaa akka isa gargaaru danda’ama himaa tokko yookan lama waliin ibsi.

Chew (Xinxaluu)

  • Vidiyoo kana ilaalaa: Seena Tashitaa Tufaa 
  • Barattoonni gaafii lamaan kana haa mari’ataan
    • Tashitaa waa’ee aadaa Oromoo maal kaase?
    • Osoo Afaan Ingilizii barachaa jiru, hojii adda adda hojjechuu fii daldala isa eegaluu, guddina aadaa Oromo kessa isaatii fayyadamuu akkamitti cichee? 
  • Gareewwan xixiqqoo kessatti yookan barataa tokkoo waliin, yoo sirna aadaa Oromoo yeroo inni Ameerikaatti ga’e giddu galeessa ta’ee jiratee, deeggarsa hawaasa isaaf maal akka fakkatu waraqaa hojjii kessa barreessaa. Yoo barbaachisaa ta’e, barreefama kun ilaali, “Why Is Oromo Culture Important?” (attachment/appendix 1).

 

Irra Deebi’u

  • Barattoota aadaa Oromoo isaanif maal akka ta’e gabaabsanii haa ibsan. Qaamolee aada Oromoo sirna haqa, mana barumsaa fii hawaasa kessaa akkamitti fayyadamna?. 
  • Baratoonnii maatii isaani akka aadaa Oromoo waliin tokkoo ta’e yookan hin taanee waa’ee itti gaafatamummmaa hawaasa isaani gaafadhu.

Gaafii Xumuraa

  • Waan aadaa Oromoo irra tokkoo ka hawaasa keetitti yookan mana barumsaa keetitti maal fiduu barbaddaan?

 

Deeggarsa Afaanii

  • Mul’ata kennu (see slides/attachments).
  • Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.
  • Viidiyoof barreefama kennu
  • Barrefamaa Tashitaa afaan baratootattin keenuu yoo barbaachisee

 

Jechootaa fi Hiika Isaanii

  • Aadaa: Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.
  • Dandamannaa: Yeroo rakkoon dhufu illee dandamatee itti fufuu fi abdii kutachuu dhiisu.
  • Guuza/Jiga (JEE-guh): Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan. Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.
  • Qabo (KAH-boh): Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha
  • Afoosha (ah-FOO-shah): Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu. Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.

 

Tarree Maddalee Barnootaa 

 

Dabalee 1: Aadaa Oromo maalif barbaachisa ta’e? (Hojjii Barattootaf)

 

Aadaan maali?

Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Namoota hunda fi gareen namoota hunda aadaa ofii isaani ni qaban. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.

Aadaa nama uffata isaani, wal gargaaruu isaanii, cidha akkatti kabajan fii gadda fii gamachuu isaanii kessaa argamaa. Akka walii galaattii, aadaan akkaataa namoonnii itti jiraatanii fii akkaataa wal gargaaranidha. Aadaan eenyummaa isaanii fii jireenya isaanii ni agarsiisa.

Aadaa Oromoon Maali?

Ummannii Oromoo, akkuma ummata biraa hunda, aadaa isanii adda kan jireenya isaaniif guyyaa guyyaa barbaachisaa ta’e qabanii. Aadaan kun akkaataa isaanii, yaada isaani fii wal qunnammuu isanii dhiibbaa ni qaba. Aadaan Oromoo duudhaa fi goochaalee aadaa hedduu of kessaa qaba. Isaan kessaa ayyaanoota, sirna gaa’ilaa, wal gargaaru fii karaa rakkoo itti furan. Duudhaaleen aadaa kana akkaataa jireenyaa namoonni fii hawaasa isaani irrati ni qajeelfama. 

Aadaa Oromoo Wal Gargaaruu

Wal gargaaruu aadaa Oromoo kessatti heddu barbaachisadha. Namoonni yeroo rakko kessatti wal ni gargaarani, wal ni dhabbatanii. Deggarsa kun jireenyaa guyyaa guyyaa kessatti haala adda addattin mul’atu ni danda’ama. 

Karaan tokkoo Jigadhaa: Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan. 

Karaa biraatii Qabodhaa: Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha

Karaa 3ffatti  Afooshadhaa: Sirna kan namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu. Deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa ni kennama, akka namnii kophaa isaati hin rakkanneef.

Xumura Aadaa Oromoo

Aadaa Oromoon jireenya ummata Oromoof baa’yee barbaachisadha. Aadaan Oromoo wal gargaaruu fii itti gaafatamummaa irrati ijaarame. Namoonnii aadaa Oromoo keessatti jireenya guutuu isaanif wal gargaaran.

Dabalee 2: Aadaa Oromoo Fayyadamuu (Hojjii Barattootaf)

Hiriyaa yookaan garee xixiqqoo wajjin hojjedhaa. Gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf isilaayidota barsiisaa fii marii keenya waa’ee Jiga, Qaboo, fi Afooshaa fayyadamaa. Akkasumas waraqaa “Aadaan Oromoo Maaliif Barbaachisa?” ilaaluu ni dandettan.

Kutaa 1ffa: Haala hubachuu

Tashitaa yeroo USA dhufe qormaanni akkamii mudatee?

 

Kutaa 2ffa: Aadaa Oromoo Fayyadamuu

Hawaasni Jiga, Qabo fii Afoosha fayyadamuudhan akkamitti Tashitaa gargaaruu danda’an?

 

Kutaa 3ffa: Mallattoo dandamannaa Aadaa Oromoo Kessaa

Hawaasni qaamolee aadaa Oromoo fii dandamannaa fayyadamuudhan Tashitaa akka gargaaranii suuraa kaasaa.