+
Reconciliation Archives - Green Card Voices
w

Yuunitii 2ffa: Dandamannaa fii Falmaa – Dandamannaa Aadaa Oromoo fii Sirna Haqaa Kessatti

Yeroo Murtaa’e

  • Kutaa barnootaa lama yookan tokko kessatti

 

Meeshaalee Barnootaa


Connection to the 7 Cs of Ethnic Studies

  • Center: Aadaa Oromoo keessaa wal gargaaruu fi beekumsa Oromoo waa’ee haqaa fi araaraa irratti xiyyeeffachuu.

 

 

Qajeelfamoota:

 

Ignite (Kakaasuu)

  • Gaafii lama kannen barattoota itti gaafadhu. Baratootan afaanii ka fedhaanitti deebii kennu ni danda’an. Suura kaasuullee ni danda’an.

    • Aadaa jechuu maali? Yoo barbaaddan, aadaa kutaa keenya kessa, mana barumsa keenya keessatti, yookan aadaa maatii kee yookan aadaa hawaasa kee yookan aadaa Amerikaa ibsu ni dandeettan.  

  • Haqaa jechuu maali? Yoo barbaaddan, kutaa keenya kessa, mana barumsa keenya, yookan maatii kee kessa yookan hawaasa kee kessaa walitti bu’iinsa hogga jiruu, yeroo sani haqaa akka sittu fakkatu ibsu ni dandeettan. What do you think justice means? If it helps, you can describe what justice looks like when there is a conflict in our classroom, our school, your family, your community, or our society.

  • Barattoonnii deebii isaani wal haa qoodan

 

Chunk 1 (Qindeessuu 1)

  • Hiika salphaa aadaa fi haqaa ibsi

  • Barnoota aadaa Oromoo armaan gaditti dhiyesssi

 

Aadaa Oromoo wal gargaaruu

  • Jiga – Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan.

    • Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.

  • Qabo – Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee.

    • Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha

  • Afoosha – Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa ykn qabeenya waliin wal gargaaruu.

    • Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.

 

Haqaa fii Araara Oromoo

  • Jaarsumaa – Maanguddootaa kabajama hawaasa kessatii yeroo wal bu’iinsa jiru gama lamaan dhaggefachuudhan araara itti ga’uf namoonnii ni gargaara

  • Xiyyeeffannaan isaa walitti dhufeenya cimsuu irratti, malee eenyu akka balleesse irratti miti

  • Gumaa – Yeroo namni tokko yookaan maatiin isaa miidhaa geessisan irratti itti gaafatamummaa fudhatanii, waan sana sirreessuuf deeggarsa yookaan beenyaa kennani

  • Xiyyeeffannaan isaa miidhaa sirreessuu irratti malee adabuu irratti miti.

  • Araara Walitti bu’iinsa booda kara dhiifama gaafachuu fi dhiifama gochuutiin namoota wal fiduu

  • Xiyyeeffannaan isaa nagaa fi fayyina argachuu

 

 

Chunk 2 (Qindeessuu 2)

Aadaa fii haqaa Amerikaa fii Aadaa fii haqaa Oromoo wal bira qabi.

  • T-chartii itti garsisii (Dabalee 1 ilaali)

  • Haalaa tokko walitti bu’iinsa barata lama jiddu yaadi. Miidhaa maal uumame? Haqaan maal fakkata? Hooggannaa mana barnoota rakkoo kana akkamitti hiika?

    • Deebiin eegamu eenyu akka rakkoo jalqabe fi adabbiin maal akka ta’u irratti xiyyeeffata 

  • Sirnaa haqaa Oromoodhan, walitti bu’iinsa kana akkamitti hiika?

    • Jaarsumaa: Maanguddota kabajamaa walitti bu’iinsa kana ni furaan, gama lamaati dhaggeefachuudhan. Akkasumas, barata lameeni wal haasa’an. 

      • Barattoota gaafii kana itti gaafadhu: Gaafii maal gaafattan? Gama lameeni akka wal dhaga’an fii akka wal hubataan akkamitti goota?

    • Gumaa: Miidhan tarkaanfii gaariitin ni sirreefamaa.

      • Barattoota gaafii kana itti gaafadhu: Deggarsaa barata lameeni maal barbaadan? Walitti dhufeenyi isaanitti akkamitti deebian? Tokkoo tokkoon isaani walitti bu’iinsa kanaaf akkamitti itti gaafatamummaa fudhatan?

    • Araara: Walitti bu’iinsa kana xumurudhan, hawaasni walitti deebi’an

      • Kana gaafachuu ni dandeetta: Walitti bu’iinsa isaani booda nagaan maal fakkaata? Barattoonni kutaa keessaa yeroo barattoonni lamaan araaraan deebi’an, miira isaani maal fakkaata?

 

Chew (Xiinxaluu)

  • Seenaa Tashitaa Tufaa ilaaluu yookan dubbisuu ni dandettan. Yoo dubbistan, barruu keessatti bakka barbaachisaa mallatteessi gaafii armaan gadittif:

  • Barata waliin, gaafii armaan gaaditti kana barattonnii haa deebiian:

    • Tashitaa waa’ee aadaa Oromoo maal kaase?

    • Wal dhabbiinn yookan walitti bu’iinsa maal kaase?

    • Osoo Afaan Ingilizii barachaa jiru, hojii adda adda hojjechuu fii daldala isa eegaluu, guddina aadaa Oromo kessa isaatii fayyadamuu akkamitti cichee? 

 

  • Barattoonii hogga wal qoodu fixan, kana isaani wajjin qoodi: Seenaa Tashitaa mata duree kana walitti dhufeenya ni qaba, sababiin isaa inni godaanaa Oromoodha. Bara 1992 irra Miiniisoota kessaa galuu ture. Inni nama jabaatee hojjetuu fii hawasaa isa gargaaruudha. Aadaa Oromoo kessaa wal gargaaruun waan barbaachisaa ta’e hojii isaa kessattii ni argama. Ummata Oromoon, akkuma Tashitaati aadaa isaani kabajaadhan, duudhaatiin fii hawaasummaadhan ni agarsiisan.

 

  • Gareewwan xixiqqoo keessatti yookan hiriyaa wajjin, mata dureewwan kana kessaa tokko filachuun Tashitaaf haqaan maal fakkachuu danda’u irrati mari’adhaa. Sirna haqaa Oromoo silaa fayyadamee ta’e, muuxannoon Tashitaa akkamitti adda ta’a? Waraqaa “Why is Oromo Culture Important?” (Dabalee 2) fii gaafiiwwan armaan gadittii itti fayyadamii.

  • Barattoonnii waraqaa irra yookan karaa dijitaalaatiin qopheessuu ni danda’an. Muuxannoon Tashitaa akkamitti adda ta’uu agarsiisuu qaban.

 

Filannoo mata dureewwanii (tokko filadhuu) fii gaaffiiwwan:

  • Mata Duree 1: Mootummaa wajjin walii galuu dhabu

    • Walii galuu dhabu yookan miidhaan maali ture?

    • Jaarsummaa fi Gumaan maal fakkaachuu danda’u?

    • Araarrii maal fakkachuu danda’u?

  • Mata Duree 2: Afaan Ingilizii Barachuu

    • Gufuuwwaan Tashitaa maltu mudate?

    • Namoonnii fi hawaasni Afaan Ingilizii akka baratu akkamitti isa gargaaruu danda’an?

    • Haala kana keessatti, Jiga, Qaboo fi Afooshaan Tashitaaf maal fakkachuu danda’a?

  • Mata Duree 3: Hawaasa Haaraa Kessatti Makamuu

    • Hawaasni hojii argachuu fi mana argachuu keessatti Tashitaa akkamitti gargaaruu danda’an?

    • Deggarsi kami yeroo ce’umsa Tashitaa keessatti isa gargaaru danda’a?

    • Haala kana keessatti Jiga, Qaboo fii Afooshaan Tashitaaf maal fakkachuu danda’a?

 

Irra Deebi’u

  • Barattoonnii gaafii armaan gaaditti walitti haasa’udhan ha deebiian:

  • Amma haqaa jechuu anaaf maal jeechudha? Qaamolee aadaa Oromoo fii sirna haqaa kutaa barnootaa keenya, mana barumsaa keenya, fii hawaasa keenya kessattii akkamitti fayyadamuu dandeenya?

  • Maatii koo yookan hawaasni aadaa koo haqaa akkamitti hiiku fi wal gargaaruu danda’a? Kun aadaa Oromoo wajjin wal fakkaataa moo addadha?

 

Deeggarsa Afaanii

  • Mul’ata kennu (see slides/attachments).

  • Jalqaboota himaa kennuu hojjii barreeffamaa fi ha’saauuf.

  • Viidiyoof barreefama kennu

  • Barrefamaa Tashitaa afaan baratootattin keenuu yoo barbaachisee

 

Jechootaa fi Hiika Isaanii

 

  • Aadaa: Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.

  • Dandamannaa: Yeroo rakkoon dhufu illee dandamatee itti fufuu fi abdii kutachuu dhiisu.

  • Guuza/Jiga (JEE-guh): Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan. Xiyyeeffannaan itti gaafatamummaa wal qoodu irra.

  • Qabo (KAH-boh): Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Xiyyeeffannaan hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha

  • Afoosha (ah-FOO-shah) Yeroo namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa yookan qabeenya waliin wal gargaaruu. Xiyyeeffannaan deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa.

  • Jaarsumaa (jar-SOOM-mah): Maanguddootaa kabajamaa hawaasa kessatii yeroo wal bu’iinsa jiru gama lamaan dhaggefachuudhan araara itti ga’uf namoonnii ni gargaara. Xiyyeeffannaan isaa walitti dhufeenya cimsuu irratti, malee eenyu akka balleesse irratti miti

  • Gumaa (GOO-mah): Yeroo namni tokko yookaan maatiin isaa miidhaa geessisan irratti itti gaafatamummaa fudhatanii, waan sana sirreessuuf deeggarsa yookaan beenyaa kennani. Xiyyeeffannaan isaa miidhaa sirreessuu irratti malee adabuu irratti miti.

  • Araara (ah-RAH-rah): Walitti bu’iinsa booda kara dhiifama gaafachuu fi dhiifama gochuutiin namoota wal fiduu. Xiyyeeffannaan isaa nagaa fi fayyina argachuu

 

Dabalee 1: T-Chartii – Adabbii Mana Barumsaa Biyyoota Dhihaa fii Sirna Haqaa Oromoo

 

Yoo Mana Barumsaati Walitti Bu’iinsi Jiraate . . . (Mala Adabbii Mana Barumsaa Biyyota Dhihaati)

Yoo Mana Barumsaati Walitti Bu’iinsi Jiraate . . . (Mala Sirna Haqaa Oromoo)

Xiyyeeffannaan isaa eenyu akka walitti bu’iinsa jalqabe irrattidha

Xiyyeeffannaan isaa miidhaan maali akka ta’ef irratidha

Barattoonni dhuunfaatti komatanii

Barattoonni lamaan isaanii ni dhaggeeffataman.

Barattoonni gara hoogganaatti ergan

Barattoonii maanguddota kabajamaa yookan nama amaanama walitti fidamaa, araara buusuf.

Barattonni adabamu (yeroo muraasaaf mana barumsaa irra ari’amuu)

Barattoonni miidhaa sirreessuuf hojjetan (Gumaa).

Barattoota gidduutti mariin xiqqaa jira.

Barattoonni wal dhaggeeffatanii yaada isaanii wal qoodan.

Walitti bu’iinsi yeroo baay’ee adabbiidhaan xumurama.

Walitti bu’iinsi nagaa fi araaraan xumurama (Araara).

Maatiin hirmaachuu yookaan hirmaachuu dhiisuu ni danda’ama

Hawaasni (maatii, hiriyyoonni, fi ga’eessonni) ni hirmaatan

Xiyyeeffannaan isaa seerri cabuu irrattidha.

Xiyyeeffannaan isaa walitti dhufeenya deebisanii ijaaruu irrattidha.

 

Dabalee 2: Aadaa Oromoo Maalif Barbaachisoo Ta’e? (Hojii Barattootaf)

 

Aadaan Maali?

Aadaan akkaataa jireenya namoonni fii waliin ta’an agarsiisa. Namoota hunda fi gareen namoota hunda aadaa ofii isaani ni qaban. Aadaan jirenya guyyaa guyyaa isaani ni qajeelcha. Aadaan qaamolee jireenya hedduu of kessaa qaba; mootummaa, amantii, duudha fi dinagdee ni jira.

Aadaa nama uffata isaani, wal gargaaruu isaanii, cidha akkatti kabajan fii gadda fii gamachuu isaanii kessaa argamaa. Akka walii galaattii, aadaan akkaataa namoonnii itti jiraatanii fii akkaataa wal gargaaranidha. Aadaan eenyummaa isaanii fii jireenya isaanii ni agarsiisa.

Aadaa Oromoon Maali?

Ummannii Oromoo, akkuma ummata biraa hunda, aadaa isanii adda kan jireenya isaaniif guyyaa guyyaa barbaachisaa ta’e qabanii. Aadaan kun akkaataa isaanii, yaada isaani fii wal qunnammuu isanii dhiibbaa ni qaba. Aadaan Oromoo duudhaa fi goochaalee aadaa hedduu of kessaa qaba. Isaan kessaa ayyaanoota, sirna gaa’ilaa, wal gargaaru fii karaa rakkoo itti furan. Duudhaaleen aadaa kana akkaataa jireenyaa namoonni fii hawaasa isaani irrati ni qajeelfama. 

Aadaa Oromoo Wal Gargaaruu

Wal gargaaruu aadaa Oromoo kessatti heddu barbaachisadha. Namoonni yeroo rakko kessatti wal ni gargaarani, wal ni dhabbatanii. Deggarsa kun jireenyaa guyyaa guyyaa kessatti haala adda addattin mul’atu ni danda’ama. 

Karaan tokkoo Jigadhaa: Yeroo namni walitti dhufanii hojjii waliin wal gargaaruuf, akka nama tokko kophaa isaati hin rakkanneef, namni carraqqii isaani wal qoodaan.

Karaa biraatii Qabodhaa: Yeroo namni dafeeti nama jaallatan deeggaruu, gaafachuu malee. Hawaasni yeroo barbaachisa hundatti achitti argamudha

Karaa 3ffatti  Afooshadhaa: Sirna kan namni yeroo hundaattin wal deggaaruu, yero rakkina kessaa, malaqaa ykn qabeenya waliin wal gargaaruu. Deeggarsa maallaqaa fi hawaasummaa ni kennama, akka namnii kophaa isaati hin rakkanneef.

Sirna Araaraa Oromoo

Aadaa Oromoo keessatti walitti bu’iinsa hiikuuf sirnoonni ni jira. Sirnoonni kun wal dhabbii xixiqqoo irraa kaasee hanga rakkoo guddaatti hiikuuf ni gargaara. Isaan dhalootaa gara dhalootaatti darbanii dhufan. Nagaa fi tokkummaa hawaasaa eeguufis baay’ee barbaachisaadha.

Mukaa Odaa (Mallattoo Tokkummaa fi Nagaa)

Odaan aadaa fii seenaa Oromoo keessatti bakka gudda qaba. Inni mallattoo tokkumma fi nagaati. Abbootii Gadaa Odaa jalatti murtii murteessuf, rakkoo hiikuf, fi naga eeguuf walitti dhufanii. Odaan bakka hawaasni walitti dhufee mari’achuuf fii araaraa buusuudhaf.

Haqaa Oromoo fii Sirnoota Araaraa

Uummanni Oromoo walitti bu’iinsa hiikuu fi nagaa deebisuuf sirnoota adda addaa qaba. Isaan keessaa Jaarsummaa, Gumaa, fi Araarri ni jira. Sirnoonni kun namoota wal hubachiisuu, itti gaafatamummaa fudhachiisuu, fi walitti dhufeenya fooyyessuu irratti xiyyeeffata.

Jaarsummaa: Yeroo maanguddota kabajamaa walitti bu’iinsa hiikanidha. Isaan gama lamaan ni dhaggeeffatan, namoonni nagaan akka walitti deebi’an ni gargaara.

Gumaa: Yeroo namni tokko yookaan maatiin isaa miidhaa geessisan irratti itti gaafatamummaa fudhatanii, waan sana sirreessuuf deeggarsa yookaan beenyaa kennani. Xiyyeeffannaan isaa miidhaa sirreessuu irratti malee adabuu irratti miti.

Araara: Yeroo nagaan deebi’u ta’a. Namoonni dhiifama gaafatan, wal dhiifamu, fi nagaan waliin itti fufu

Aadaa Oromoo keessatti walitti bu’iinsi qaama jireenyaati. Haqaan namoota adabuu irratti osoo hin taane miidhaa sirreessuu fi walitti dhufeenya deebisanii ijaaruu irratti xiyyeeffata.

Xumura Aadaa Oromoo

Aadaa Oromoon jireenya ummata Oromoof baa’yee barbaachisadha. Aadaan Oromoo wal gargaaruu fii itti gaafatamummaa irrati ijaarame. Namoonnii aadaa Oromoo keessatti jireenya guutuu isaanif wal gargaaran.

Aadaa Oromoo kessatti, namni kophaa isaanitin hin rakkatan. Hawaasni wal garaaruf ni jira. Hawaasummaa kana hawaasni ni jabeefama, akkasumas tokkummaa ni agarsiifama.